Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 2:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Isin ammoo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

9 Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Isin ammo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 2:9
50 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Baniin dukkana keessa jiraate, ifa guddaa arge; worra lafa du'aatii fi gaadidduu du'aa jala jiraataniif, ifni ife» jedhu akka raawwatamuuf kun ta'e.


Hujii mishaa keessan arganii, Abbaa keessan ka samii jiru akka kabajjan, ifni keessan nama maraa afo'otti haa ifuu» jedheen.


Ifni isaallee worra dukkanaa fi gaaddidduu du'aa keessa jiraniif hin ifa. Luka keennallee gara karaa nagayaa qajeelcha» jedhee raage.


Isaannillee akkasuma dhuga'aan worra woyyooman akka ta'an ani waan isaaniitiif uf woyyoomsa.


Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


Dukkanaa gara ifaa, baallii seexanaa keessaa gara Rabbii akka deebi'an ija isaanii akka bantuuf banii itti si ergu worra Yihuudota hin taane jalaallee si oolcha.›


Agriiphaanillee Phaawuloosiin, «Akkuma salpha'atti Kiristaana na taasisuu barbaaddaa?» jedheen.


Meeshaan dhiifamsaa Yihuudota calla'aafii miti; haata'uu ammoo worra Yihuudii hin taane keessaallee akkasuma worri waamamne nu'u.


Eennullee mana woyyuu Rabbii yoo diige, Rabbi isa diiga. Manni Rabbii woyyuu waan ta'eef, inni sunillee isin.


Ayyaanni waan Rabbi banii ufiitiif waadaa gale fudhachuu keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Rabbiitiif galata haa galchinuu.


Wonti ilma ufii jaalatamaa akkanumaan nuu kenneef akka ulfinni badhadhummaa isaa galateeffamuuf kana godhe.


Karaa woldaa Kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin baraa haga bara baraa ulfinni Rabbiif haata'u! Amiin.


Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha.


Inni baallii dukkanaa jalaa nu fayyise nu biteeti, isallee gara jeennata jaalala Ilma isaa ka dhiifamsa cubbu'uu ittiin arganneetitti nu geesse.


Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname.


Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.


Isiniilee akkasuma akka dhagaa jiraata'aa taatanii Yesuus Kiristoosiin keessaa ciincaa Ayyaanaa ka Rabbiin gammachiisu dhiyeessu'uuf gadoota woyyuu akka taatan mana jireenna Ayyaanaa ta'u'uuf ijaaramaa'a.


Namni kamuu yoo dubbatu akka dubbii Rabbiititti haa dubbatuu. Ka tajaajilu, hunna Rabbi naa kenneen jedhee haa tajaajiluu. Ulfinnaa fi baalliin baraa haga bara baraatitti karaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif haa ta'u! Amiin.


Rabbii Abbaa isaatii akka hojjannuuf jeennata Abbaa isaatii gadicha akka taanu nu taasisee, baraa haga bara baraa ulfinninii fi hunni isaa haa ta'u! Amiin.


Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammaffa'aa isaan irratti baallii hin qabdu, gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ