Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 2:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Eegasuu ulfinni isin worra amantanii fi worra hin amannee ammoo, «Dhagaan ogeessoonni mana ijaaran gatan sun, dhagaa handhuura ijaarsaa, dhagaa guutu'uutii fi siidaa gufachiisaa ta'e»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

7 Eegaa isin worra amanttaniif dhagaan kun kabajama'a, ka hin amanneef garuu, «Dhagaan worri kaabdotaa tuffaatanii gatan, dhagaa cabssata mata'aa ni ta'e.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

7 Eegasuu ulfinni isin worra amantaniif; worra hin amannee ammo, «Dhagaan ogeeyyiin mana ijaaran gatan sun, dhagaa bu'uura ijaarsaa, dhagaa guutu'uutii fi siidaa gufachiisaa ta'e»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 2:7
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesuus, «Isin barreeffama Woyyuu keessatti, ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, inni dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e; kun Goofta'an ta'e, Ija keennaafillee waan baasaa ti!› Ka jedhu horomaa hin dubbifnee?


Ifni worra Yihuudota hin ta'initti mudhisu kun, Gumii kee Israa'eliifillee ulfinna fida» jedhee Rabbiin galateeffate.


Achiin maayessa Simoon isaan eebbise Maariyaamiin, «Daa'imni kun Israa'eliin keessatti nama hedduuf sababa badi'ii, nama hedduuf ammoo sababaa fayyinaa akka ta'uuf muudameera. Kunillee worra isaan mormuuf malkata ta'a; yaanni dhossa'aa ka garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti baya Gaddi akka guraadee qaramellee garaa kee woraana» jedhe.


Yesuus gara isaanii laalee akkana jedhe, eegasuu, «Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'a› ka jedhamee barreeffame maal jechu'uu?


Isaanillee dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti, nu'uu waan isa dhageenneef, innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan.


«Mootii Agriiphaa, ani waan manaaba sami'ii natti mudhate kana ani hin dinne.


Waan Israa'eliitiif ammoo, «Guyyaa maraa gara worra naa hin ajajamnee fi gara banii naan mormuu harka kiyya hiixadhe» jedhe.


Fedha Rabbiitiin gammachu'uun gara keessan dhufee isin biratti akka harabaafadhu, worra Yihuudaa jiran keessaa ka hin ajajamne jalaa akka bayu, tajaajila Yerusaalemitti qabuun woyyoota ka gammachiisu akka ta'u Rabbiin naa faateffadhaa'a.


Isaan kanniiniif urgaa du'aaf ta'u, isaan sanniiniif ammoo nu jireenna urga'aa ka jireennaaf ta'u; waan kanaaf gayaan eennu?


Isinillee ka bulchiinsaa fi baallii maraa irratti mataa ta'e keessa taatanii guttamtaniirtan.


Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, ka hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garbicha taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol-loluu fi worra wol jibbu turre.


Seebartittiin Ra'aab worra gaadu nagayaan waan simatteef, worra hin ajajamne woliin amanta'aan hin banne.


Eeganaa eennullee ajajamuu didu'uun kufee akka hin hafne gara hulee harabaafanna'aa kana seenu'uf haa jabaannuu.


Amma yoo womaallee arguu baattan isatti amantanii raawwii amantii keessanii, fayyinsa lubbuu teessanii akka fudhattaniin ulfinna hin dhumannee fi gammachu'uun guuttamtanii gammaddan.


Gara dhagaa jiraataa namaan jibbamee ka Rabbiin biratti ammoo kabajjamaa ta'ee filatameetitti dhiyaata'aa,


Isaan worra hin amanne waan ta'aniif, dubbii isaatiin gufatan. Isaanillee worra kufaati'iif qophaayan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ