Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 2:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Eegasuu hammeenna, dhara, uf jajuu, hinaaffa'aa fi hamii mara uf keessaa balleessa'aatii,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

1 Eegaa hammeenna mara, sobuu mara, fakkeessitummaa, hinaaffaa, hama bifa kamiituu dhabamissiisaa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Eegasuu hammeenna, dhara, uf jajuu, hinaaffa'aa fi hamii mara uf keessaa balleessa'aatii,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 2:1
50 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin fakkeessitoota! Isaayyaas waan keessan raagee,


Akkasuma isinillee gubba'aan worra biraatiif qajeellota fakkaattan, Keessi keessan ammo uf tuulumma'aa fi hammeennaan guuttameera.


Inni hojjataa san bakka lamatti baqassa, hiree isaallee worra fakkeessu woliin taasisa. Achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe.


Ati nama fakkeessaa'a! duraan dursii utubaa ija tee keessa jiru baasi. Achiin maayessa huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, midhaassitee arguu dandeetta.


Inni ammoo fakkeessitoota ta'uu isaanii waan beekeef, «Isin maaf na ataabdan? Mee laalaa, saantibii tokko as fidaa'a!» isaaniin jedhe.


Isin fakkeessitoota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisonni, awwaala soodduu hin qabne ka namoonni uduu hin beekin irra deeman waan fakkaattaniif isinii aanne'e!»


Hennaa san namoonni waan heddu ta'aniif, gumiin heddu haga wol irra ijjatutti wol gayanii uduu jiran, darasoota ufiitiin akkana jechuu jalqabe, Duraan dursa'atii raacitii Fariisotaa, jechuun uftuulummaa isaanii irraa uf eegaa'a.


Waan guddaa ija kee keessa jiru uduu hin argine obboleessa keetiin attamitti, ‹Obboleessa kiyya, huura ija kee keessa jiru si baasaa naa eeyyami› jechuu dandeettaa? Ati ka fakkeessitu duraan dursii waan guddaa ija kee keessa jiru baasi, achiin maayessa huura ija obboleessa kee keessa jiru baasu'uuf midhaassitee argita.


Naatinaa'elillee, «Naazireetiin keessaa wonti mishaan bawuu danda'aa?» jedhee gaafate. Filiphoosillee, «Koottuu laali» jedheen.


Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman.


Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'iman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.


Kanaaf qajeellumma'aa fi dhuga'aan Ayyaana xorosho'oo haa goonnuu malee, raacitii moofaa dharaaf dhiibba'aatiinii miti.


Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in, na argitan jedhee sodaadha. Maallaataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.


Biibbayuu, aaruu, loluu, wocuu, nama arrabsu'uu fi hammeenni maruu isin keessaa haa badu.


Kadhaan keenna dogoggoraan yookiin battumma'aan yookiin hammeennaan waan hin turreef.


Akkasuma dubartoonnii worra bilchaatan, worra nama hin hamanne, worra hagatti jiraatanii fi waan maraanuu worra amanaman haa ta'anii.


Akkasuma haawwotiin jaaran haalli jireenna isaanii tajaajila woyyu'uuf gayaa ta'uu barbaachisa, worra hin hamanne, worra dhuddoo daadhii woyyini'ii baayi'eetiin hin sobamnee fi worra waan mishaa barsiisu haa ta'anii.


Eeganaa raattota hagana gayan, naannaya kenna eeganuu jiraatan, nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee, Yesuusii mataa amantaa keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.


Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baayi'ee uf keessaa balleessa'aatii ka keessa keessaniitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u, dubbii Rabbii fayyaalumma'aan fudhadhaa'a.


Hadhaan hinaaffa'aa fi wol qooduun garaa keessan keessa yoo jiraate, kanaan uf hin jajinaa'a. Dhugaa malee soba hin dubbatinaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee, nama seera hujii irra oolchuu miti.


Moo ka kitaabni, «Hafuurri nu keessa hinaaffa'aan hawwa» jedhu sun waan akkanumaan dubbate seetanii? Haata'uu ammoo badhaadhummaa caalu kenna. Waan akkanumaan dubbate seetanii?


Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera.


Akka worra bilisa bayeetitti Rabbiif garboota ta'a'aa jiraadhaa'a malee, bilisummaan keessan sun waan badooma keessan ittiin dhoffattan akka ta'u hin godhinaa'a.


Inni sirimaa cubbuu hin hojjanne, sobnillee afaan isaa keessa hin jiru.


Akkuma Kitaabni Woyyuun jedhu, «Namni jireenna barbaaduu fi bara mishaa arguu fedhu, arraba ufii hamtuu dubbachuu irraa, hidhii ufiitiin dhara dubbachuu irraa uf haa eeguu.


Isaanillee waan isin isaan woliin hujii hamaa san hin hujjanneef isin maalalanii isin arrabsan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ