Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 1:1 - WAADAA LAMMATAA

1-2 Pheexroos ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa worra baqattoota worra biyya Pheenxoosii, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Isiya'aa fi Bitaaniyaa keessa faca'anii jiraataniif, worra akka beekkomsa Rabbii Aabbaatiin beekkamtanii filatamtan, worra Yesuus Kiristoosii ajajamu'uuf dhiiga isaatiin biifamtanii qulqullaayu'uuf Ayyaana Woyyu'uun woyyoomtaniif; Ayyaanninii fi nageenni isinii haa guddatu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

1 Barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phexirosiin irraa, Galttoota taatanii Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiya'aa fi Bitaanyaa keessa bittinoofittanii worra jiraattaniif,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Pheexroos ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra baqattoota worra biyya Pheenxoosii, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Isiya'aa fi Bitaaniyaa keessa facaatanii jiraattanii fi

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 1:1
34 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u.


Kunniin maruu amananii du'an, garuu dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Haata'uu ammoo fago'oo arganii reebbatan. Biyya itti galan sanitti keessummootaa fi galtuu ta'uu ufii beekan.


Eeganaa ammaa achi isin woyyoota woliin biyya tokkoof, maatii Rabbiiti malee galtu'uuf keessumma'aa miti.


Banii calla'aafii miti, haata'uu ammoo ijoollee Rabbii ta tamsaatellee akka wolitti qabuuf malee.


Guyyoonni sun uduu gabaabbatuu dhabaatee, namni tokkollee silaa hin fayyu; sababa worra filatameetiif ammoo guyyoonni sun hin gabaabbatan.


Goshoota tiyya, biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa taatanii irra jiraattan keessatti hawwii foonii ta lubbuu teessaniin wol lolu irraa akka fagaattan isin kadhadha.


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;


Bara san mootummaa Isiraa'elii irraa fagaattanii dubbii waadaa abdi'iitiif keessummoota taatanii, adunyaa kanatti abdii dhabdanii Rabbiin irraa fooyamtanii Kiristoosiin ala turtan.


Rakkinna keenna ka Isiya'atti nu irraa gaye obboleeyyan teenna, akka beettan feena. Waan jireenna keennaatuu haga abdii kutannutti hunna keennaa ol haga ta'utti nutti ulfaate.


Nama dhalootaan Phanxoos ta'e namicha Yihuudi'ii ka Aqilaa jedhamu tokko arge, inni hennaa hago'on dura haadha manaa ufii Phirsiqillaa woliin Ixaaliya'aa dhufee ture. Yihuudonni Roomaa keessaa akka bayan Qelaawudoowos waan ajajeef gara isaanii dhaqe.


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Worri Esiyaa keessa jiran maruu, akka narraa fagaatan hin beeta; isaan keessaa Filoqoosii fi Herwaageenesiin fa'a.


Woldeenni Kiristaanaa ta Isiya'aa nagaya isinii dhaamaniiran. Aqilaa, Pherisqilla'aa fi woldeenni Kiristaanaa ta mana isaanii jirtu woliin maqaa Goofta'aatiin nagaya guddaa isinii dhaamaniiran.


Worri Isiiyaa jiraatan maruu Yihuudonnillee namoonni Giriikiillee dubbii Goofta'aa haga woggaa lamaa barata'aa turan.


Guyyaa hagoo haga tureen maayessa, achii ka'ee biyya Galaatiya'aatii fi Firgiyaa keessa deema'aa darasoota maraa jajjabeesse.


«Mana sagada Yihuudotaa ta bilisa baaftuu» jedhamtu namoota Qaareena'aatii fi Iskinidiriya'aa, worri kiliqiya'aatii fi Isiyaa keessaa dhufan gariin ka'anii Isxifaanosiin morman.


Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaawaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa?


Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa, Simoonii «Pheexroos» jedhamu fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdiwoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis;


Qarqara galaana Galiila'aatiin uduu lufa'aaru obboleeyyan lamaan, Simoonii ka Pheexroos jedhamee fi Indiriyaas obboleessi Simoonii hennaa isaan siiboo gara galaanaa darban arge; Isaan worra qurxummii qaban.


Rabbi ammoo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree?


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ