Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Seera Laakkobsaa 4:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Worra woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru, worra hojjachu'uuf dandeettii qaban daasee wol gayi'ii maraa keessaa wolitti eda'i.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Seera Laakkobsaa 4:3
27 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yooseef hennaa mootii biyya Misirii Fari'ooniin woliin hojjachuu jalqabu nama woggaa soddomaati; Yooseefillee Fari'ooniin biraa bayee biyya Misirii maraa keessa deeme;


Daawiti hennaa mooyuu jalqabu ka'ima woggaa soddomaa ture; inni woggaa afurtama mooye.


Worri Leewwotaa ka obboleewwan isaanii mana woyyuu Rabbii keessatti akka hojjataniif kennaman.


Ramaddiin gadootaa akkuma gosa isaaniitiin ka umuriin isaanii woggaa diddamaatii fi ka achii ol ta'an akka gayee isaaniitiin waan hujuu danda'aniin murteeffama.


Gara mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu haga dhufan woggaa lammeesso'oo keessa ji'a lammeesso'ootitti ilmi Salaatiyaalii Zarubaabeel, ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuun, hiriyyoonni isaanii worri hafan gadoonninii fi worri Leewwotaa, worri booji'amee gara Yerusaalemii dhufan maruu ijaaruu jalqaban; worra umuriin isaanii woggaa diddamaatii fi ka achii olii hujii mana Rabbii akka hojjachiisaniif worra Leewwotaa muudan.


Atii fi Aaroon ijoollee Israa'elii keessaa nama woggaa diddamaatii fi ka achii olii worra duula dhaquu danda'an maraa laakkayaa'a.


Garuu worra Leewwotaa meeshaa hulee bulti'ii hulee saanduuqa raga'aa waan ijoollee Israa'eliitiif ta'u maraa afoo isaanii dhaabi; worri Leewwotaa hulee bulti'iitiif meeshaa maraa haa baadhatanii; haa tajaajilanii; naannaya daasee wol gayi'iititti haa quphatanii.


isin worri Rabbi banii Israa'elii keessaa isin filate mana woyyuu Rabbii akka ijaartanii fi akka hojjatan, banii afoo akka dhaabattanii fi ka Rabbi gara ufii isin dhiyeesse isin hin gawuu?


«Gosa ijoollee Leewwi'ii jiddu'uu akka gosa isaaniitiin, akka horte manniin abboota isaaniitiin laakkobsa ijoollee Qa'aatii fuudhi;


hujii daasee wol gayi'ii keessatti akka hojjataniif nama woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiran ka daasee wol gayi'ii keessa seenan maraa laakkayi;


Hujii daasee wol gayi'ii akka hojjatan worra hujii hojjachuu danda'an maraa namoota woggaa soddomaa haga shantamaa jiran maraa laakkayi;


Worra daasee wol gayi'ii keessatti hujii hojjachu'uuf seenan maraa namoota woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru laakkayan;


Daasee wol gayi'ii hulee woyyuu keessatti hujiin ijoollee Qa'aatii kana.


Worri daasee wol gayi'ii keessatti hujii hojjachu'uuf, mi'a baadhachu'uuf seenan maruu, nama woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru,


Yesuus hennaa tajaajila jalqabu umuriin isaa woggaa soddoma ture. Baniin Yesuusiin ilma Yooseefii seeya; Yooseefiin kun ilma Eeli'iiti.


Mucaa kiyya Ximootewoos! Duraan dursee waan kee akkuma raagaan himame Kiristoosiin keessaan lola mishaa akka loltuuf ajaja kana yaboo sitti kenna.


«Ennullee yoo tooyata'aa fi bulchaa ta'uu barbaade hujii mishaa hawwa» jechi jedhu amanama'a.


Uf jaju'uun bokokee, murtii daabiloosiin irratti murteeffametti akka hin kufne, kiristaana haarawa hin ta'in.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ