3 Maqaan ijoollee Aaroonii gadoonni muudaman ka akka gadumma'aan tajaajilaniif woyyooman kanniin.
Waan kanniin maraa Aaroonii fi ijoollee isaatitti uwwisi; gadumma'aan akka naa hojjatan dhadhaa ejersaatiin isaan muudda; gadoota isaan goota; isaan woyyoomsita;
Muuseen dhadhaa dibataatii fi dhiiga hulee ciinca'aa jiru fuudhee Aaroonii fi uffata isaa, ijoolle'ee fi uffata ijoollee isaallee woyyoomse.
Dhadhaa dibatan keessaa mataa Aaroonii irratti buusee baallii gadumma'aa kenneef.
Seerri Muuse'ee namoota dadhabbii qaban, gadicha hayyicha godhee waan muuduuf, dubbiin kaku'uu ka seeraan maayii dhufe ammo Ilma guutuu baraa haga bara baraa ta'e muuda.
Gadumma'aan akka na tajaajilan akkuma abbaa dibde isaanillee dibda; dibamuun isaaniillee ijoollee isaaniitiif gadummaa baraa haga bara baraa ta'a»
Aarooniin akka inni gadicha ta'ee na tajaajiluuf uffata woyyumma'aa itti uwwiftee dibdee woyyoomsita.
Garuu Naadaabii fi Abiyuudi gammoojjii gaara Siina'aa irratti hennaa Rabbiin afo'otti ciincaa ibiddaan ciincawu dhiyeessan Rabbiin afo'otti dhayamanii du'an; isaan ijoolleellee hin qaban; Alaazarii fi Itaamiri abbaa ufii Aarooniin afo'otti gadumma'aan tajaajila'aa turan.
Daawiti worra Leewwotaa akkaataa gosa isaaniitiin bakka sadihitti isaan qoode; isaanillee Geedsoon, Qaatii fi Meraariin fa'a.