Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Seera Laakkobsaa 1:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Atii fi Aaroon ijoollee Israa'elii keessaa nama woggaa diddamaatii fi ka achii olii worra duula dhaquu danda'an maraa laakkayaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Seera Laakkobsaa 1:3
16 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Iyyoo'aab laakkobsa bani'ii laakkayee mootichatti kenne; Israa'eliin keessatti worri guraade'een lolan namoonni jajjabaan namoota haga kuma dhibba saddeetii turan; namoonni Yihuuda'aa ammo haga namoota kuma dhibba shanii turan.


Wodhakkaan gosa Minaase'eetii fi gosa Roobeelii ka gara baya biiftu'uutitti argaman wonte'ee fi woraana akkasuma worra lola ebo'ootiin sirri'itti leenji'an loltoota kuma afurtamii afurii fi dhibba torbaa fi jahaatama turan.


Mootichi Ameesiyaas dhiira gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessa jiran akkaatama gosa isaaniitiin gare gare'een bulchoota ajajoota loltoota kumaatii fi loltoota ajajoota dhibbaa jalatti isaan ramade; worra ramadaman san keessa dhiirri umurii diddamaatii fi ka achii olii baay'inni isaanii namoota kuma dhibba sadihiiti; isaan worra lolaaf qophaayan wonte'ee fi woraanallee baadhatanii loluu danda'an.


guyyaa kana banii keessan biyya Misiriitii waan baaseeruuf, ayyaana xorosho'oo kana eegaa'a; eeganaa guyyaa kana ijoollee ijoollee teessaniitii seera bara baraa akka ta'uuf eeddan.


ka itti eda'amee laakkayame maruu woggaa diddamaa irraa jalqabee worri achii oliillee Rabbii kennaa kenna;


Akka madaala worqii mana woyyummaa Rabbiitiin nama tokko irraa itti laakkayame wodhakkaa worqi'iiti; nama woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii namoota kuma dhibba jahaaf sadihii fi namoota dhibba shanii fi shantama turan.


Reeffi keessanillee lafuma gammoojji'ii kanatti hafa; worri laakkayamtan maruu akkuma laakkobsa keessaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii maruu isin worri na irratti guguungumtan,


«Namoota woggaa diddamaatii fi ka achii olii akka hortee mana abboota isaaniitiin banii Israa'elii keessaa dhiira lolaaf bawu laakkayaa'a» jedhee isaanitti hime.


«Ijoollee Leewwotaa hortee manniin abboota isaanii akka gosa isaaniitiin laakkayi; dhiira dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii maraa laakkayi»


Inni dhugamaan worra Rabbiin duukaa bu'an ilma Yoofoonii nama Qeeneezaa Kaaleebii fi ilma Nawwe'ee Iyyaasuu malee worri biyya Misirii keessaa bayan namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii sirima waan na duukaa hin deemneef lafa Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii hin kenna jedhee isaaniif waadaa gale san hin argan» jedhee kakadheera.


Ijoolleen Israa'elii akka gosa isaaniitiin qoqqoodamanii Muuse'ee fi Aaroon isaan masakkanii haga biyya Misiriitii bayaniin maayessa seenaan huleen isaan itti quphatan mudhisu kana;


Worra woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru, worra hojjachu'uuf dandeettii qaban daasee wol gayi'ii maraa keessaa wolitti eda'i.


«Namni tokko dhiyeenna intala fuudhee uduu idaayyumma'aan jiru lolaaf hin bayin; dhiibbaa kamiin irraallee bilisa haa ta'uu; garuu fedha ufiitiin haga woggaa tokkoo mana ufii taa'ee ta fuudhe san haa gammachiisuu.


«Bara san akkana jedhee isaan ajaje ‹Rabbi Waandhi keessan lafa laga Yoordaanosiitiin gama jirtu tana isinii kenneeraa; isin duultonni maruu mi'a lolaa qabattanii obboleewwan teessan ijoollee Israa'elii afoo ceetan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ