9 Sababaa guraadee lafa gammoojji'ii jiruutiif lubbuu teennaan wodhaansa baanee; buddeena arganne.
Lolli isin sodaattan sun isin irra gaya; beelli isin sodaattanillee isin faana deema; biyya Misirii san keessatti duutan.
Akkasuma isin yoo ‹Gara biyya lolli hin jirree hulee meeshaan shaka shaka jedhu itti hin dhagayamneetii fi gara biyya Misirii ta beelli hin jirre dhandhee jiraanna› jettan,
«Rabbii kiyya! Ani sirima bisaan kana hin dhugu; ani yoo bisaan kana dhuge akka waan dhiiga namoota jajjabaa uf irraa bayanii dhaqanii bisaan kana woraabanii dhugeeti!» jedhe; wonti namoonni jajjabaan sadiin sunniin godhan kana.
Kanaan maayessa maleekkaan Rabbii dhufee ganda «Oofraa» jedhamtee waamamtuu dhufee muka qilxu'uu ka Iyyo'aasii nama gosa Abi'eezarii jala taa'e; ilmi Iyyoo'aasii Geedewoon hulee woyinii itti cuunfan keessatti worra Miidiyaamii jalaa dhokatee qamadii dhayata'aa ture.