3 Worra maatii hin qabnee fi worra abbaa hin qabne taane; haawwonni teenna ta akka abbaa worraa hin qabnee ta'aniiran.
Waandhana! amma ijoolleen isaanii akka beelaan dhuman, isaanillee akka woraana irratti kufan godhi; dubartoonni isaanii abbaa worraatii fi ijoollee hin argatin; dhiirti isaanii dhukkubaan, ka'imman isaaniillee woraanaan haa dhumanii.
Lolli kiyyallee isinitti jabaata; guraade'een isin ajjeesisa; haati manaa teessanillee haadha hiyyeeyyi'ii taati; ijoolleen teessanillee hin hiyyoomti.
Asoor nu hin oolchu, faradoo isaa ka lolaa hin hedannu; nu'u ammaa achi waaqolee tolfamaa harka keennaan hojjanne maraa ‹Waaqa› jennee hin waamnu; Waaqa keenna! worri maatiin jalaa dhuman si'iin araara argatan» jedha'aanii'i.
Dubartiin abbaa worraa ajjeefatan ta biyyattii teessan keessa jiran baay'inni isaanii xidhacha qarqara galaanaa caaleera; guyyaa goga'aan akka haawwonni qacaleen du'an godha; isaan irratti yoma san rakko'oo fi hucuucama guddaa fida.
Yoo isin isaan rakkiftanii isaan gara kiyya iyyan, ani Rabbi iyya isaanii hin dhagaya.