Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 4:4 - Kitaaba Woyyuu

4 Sababaa dheebotaniif arrabni isaanii laaga'aan wolitti maxxane; ijoolleen isaanii waan nyaatan kadhatan; garuu eennullee isaanii hin kennine.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 4:4
12 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Rafaasqiis garuu, «Gooftaa kiyya akka jecha kana dubbadhu gara keetii fi gara gooftaa kiyyaa na ergeeraa? Akka isin woliin udaan lukku'uu nyaatanii akka fincaan ufii dhugan wonti dubbadhuuf akka worri dallawa keessa jiran maruu dhagayaniif» jedhee isaanii deebise.


Woggama san jiini seenee guyyaa sagaleesso'ootitti waan beelli guddateef wonti baniin nyaatullee hin dhabame.


Yoo si qaabachuu dhabaadhe, waan na gammachiisu caalaa yoo sitti hin gammanne, arrabni kiyya laagaa kiyya keessatti maxannee haa hafu.


Laagaan kiyya akka faaraa goge; arrabni kiyyallee laaga'aan wolitti na maxxane; ati gara biyyee awwaalaa na buufte.


Kanaafuu baniin kiyya beekkumsa dhabu'uun booji'ama; qondaaltonnillee beelaan dhuman; baniinillee dheebisaan gubata.


Dureeyyiin bisaan soqaa hojjattoota ufii ergan; isaanillee gara boolla bisaanii dhaqan; garuu sirima bisaan waan hin arganneef ottee duwwaa baadhatanii deebi'an; isaan abdii kutatanii waan malli harkaa baduuf, gaddanii haguuggatan.


Baniin isi'ii maruu rakkatee buddeena soqaa iyya; lubbu'uun jiraachu'uuf qabeenna isaanii kabajjamaa nyaataan jijjiiran; «Yaa Rabbi! ani waan salphadheef na yaadadhu; na argi.


‹Daaraa qachaa keessanii luka keenna irraa hin dhadhayanna; haa ta'uu ammo jeennanni Rabbii gara keessan akka dhiyaatte beekaa'a!› jedhaa'a.


Beelaa dheebu'uun, daaraan, waa maraa dhabu'uun diintota Rabbi dabarsee itti si kennuu bitamta; isaan haga si balleessanitti morma kee irratti qambara fe'an.


Beelaa fi oo'aan badan; oo'a bada'aa fi badii hama'aan dhuman; busaawa'aa fi bofa hadhaa qabu ka lafaa isaanitti erga.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ