Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 4:2 - Kitaaba Woyyuu

2 Ijoolleen dhiiraa ta Tsiyoonii kabajjamoonni ta akka worqii qulqullu'uutitti laallama'aa turan; attamitti akka meeshaa faaraa ka namni ogeessi hojjatuu ta'an!

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 4:2
12 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Akka meeshaa faaraa ka caccabe keessaa gadhii ibiddaan hin fuune; akkuma wonti bisaaniin budduruursan hin hafnetti; akka bada'atti caccabanii bututan.


Dubbiin Waandhi banii maraa akka isaanitti himuuf na ajaje kana; «Akkuma waabaan faaraa ka cabe kun deebi'ee wol qabatuu hin dandeenne ani banii kanaa fi qachaa tana akkuma kana isaan caccabsa; worri namni isaan jalaa du'e hulee itti awwaalatan waan hin qabneef Toofeetimatti isaan awwaalan.»


Mana guddaa keessa meeshaa mukaatii fi meeshaa faaraa calla uduu hin taane meeshaan worqi'iitii fi ka meeti'iillee hin jira. Gariin ulfinnaaf, gariin salphinnaaf oola.


Haa ta'uu ammo guddinna hunna Rabbii irraa malee nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra.


Yihuudaa akka buundhe'eetitti Israa'eliin ammo akka ebo'ootitti itti fayyadama; Ani ijoollee biyya Giriikii woraanu'uuf ijoollee Tsiyyoonii ta dhiiraa akka guraade'ee godhee isaan erga» jedhe.


Abboonni murti'ii isaan harkatti fannifaman; jaarsonnillee hin kabajjamne.


Ka si masakku sirima hin jiru; ijoollee ufii deettee fi ta guddifatte maraa keessaallee harka kee qabee ka si masakku hin argamne.


Karaa maraa keessatti jaarsonninii fi dargaggeeyyiin daaraa keessatti kufan; ka'imman fi dubartoonni guraade'een ajjeefaman; guyyaa lola keetii isaan ajjeefte; uduu garaa hin laafne isaan goorraate.


Ani garuu akkana jedheen, «Mootichi Ikooniyaan akka ottee cabdee gatamtee lamuu hin barbaadamnee ta'ee? wonti inninii fi ijoolleen isaa booji'amanii gara biyya isaan hin beennee isaan fidaniif maali'i ree?»


Rabbi akkana naan jedhe, «Deemii nama faara dhawu irraa waabaa bitadhu; bani'ii fi worra gadootaa keessaa namoota jajjabaa filadhuu akka si woliin deeman godhi.


Baniin Israa'elii worra Yihuudota hin taane keessatti liqimfamanii akka meeshaa gatii hin qabnee ta'aniiran.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ