3 Dhugama guyyaa maraa deddeebi'ee harka ufiitiin na adabe.
Isaan garuu Hafuura isaa woyyuu gaddisiisan; kanaaf inni isaanitti ka'ee isaan adabe.
Lolli Rabbii banii isaatitti bobayeera; harka ufii ol kaasee isaan dhayeera; gaarran hin hollatan; reeffi isaanii akkuma kosii karaa keessatti gatanii ta'e; kun maruu ta'ee garuu inni lola ufii hin dhaabsifne; harki isaa akkuma ol ka'etti jira.
Harka kiyya si irra badhisa; dammeessaya kee sirima qulqulleessa; xurii kee maraa hin balleessa.
Ani yaa'ii murti'ii biratti naa dhagayan jedhee yoo hiyyeessa irratti harka kiyya kaasee jiraadhe,
hinaaffa'aa fi lola Rabbiititu nama san irratti bu'a malee Rabbi nama sanii hin araaramu; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame maruu isa irratti ta'a; Rabbi maqaa isaa lafa irraa balleessa.
Eboo keetiin na woraanteerta; harka kee jaba'aan na dhoofteerta.
Waandhi waa mara danda'u buundheewwan ufiitiin na woraaneera. hadhaan sun hafuura kiyya keessaa baya; balaan Rabbii ka nama naasisu na marseera.
Ani silaa nagayaan jiraadha; Rabbi garuu lola ufiitiin na caccabse. hudhee lafaan na dhaye; karoora ufii keessa na oolfate.
«Goshoota tiyya! harki Rabbii waan na dhayeef, yabo'oo isin naa gaddaa'a, garaa naa laafaa'a!