Rabbi attamitti lola ufiitiin Tsiyooniin salphise! ta gara sami'ii ol baatee turte; ta Israa'el dhaadattuun gara lafaa gad darbe; guyyaa lola isaa akka hulee luka isaa irra kaayatu akka taate yaadatuu hin barbaanne.
Uduu inni dukkana isinitti fidee isin gaarran irratti hin gufanne; ifa isin hedattan gara dukkana jaama'aatii fi gara hurrii dukkanaa uduu hin jijjiirre, Rabbii Waaqa keessan kabajjaa'a.
Ati guyyamaan akkuma ballaan halkan jaljal jedhu atillee jaljal jetta; karaan ati deemtu hin qajeelu; bara lafa irra jiraattu maraa rakkata'aa fi saamamaa taata; ka si oolchullee hin jiru.