Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 2:9 - Kitaaba Woyyuu

9 Balballan isi'ii hin awwaalaman; loosaawwan isi'ii ka sibiilaa caccabanii bututan; mootiin isi'iitii fi abboonni isi'ii ka murti'ii orma jiddu'utti baqa irra jiran; ammaa achi barumsi seeraa hin jiraatu; ammaa achi raattonni isi'ii Rabbiin biraa mudhata hin argatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 2:9
27 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Balaan tokko balaa biraa fida; oduun tokko oduu biraa fida; isin akka worri raattotaa raaga argan akka isinitti himan isaan barbaadattan; seerri gadoonni banii barsiisan, gorsi manguddoonni banii gorsanillee isaan harkaa bade.


Akkaataa kanaan baniin Israa'elii mootii, bulchaa, ciincaa dhiyeesuu'u, soodduu'u, uffata gadumma'aa uduu hin uffannee fi fakii waaqa tolfama'aa malee baroota hedduuf jiraatan.


Isaanillee, «Worri boojuu irraa hafan rakkoo gudda'aa fi miidhama keessa jiran, dalloofni Yerusaalemii diiggameera, balballan isi'iillee ibiddaan gubateera.» naan jedhan.


Baniin Israa'elii bara hedduuf Waaqa dhuga'aa uduu hin qabaatin seeraa fi gadicha isaan barsiisullee uduu hin qabaatin jiraata'aa turan.


Loltoonni Baabiloonii lola dhiisanii kushee ufii keessa taa'an, onneen gootumma'aa isaan keessaa badee akka intalaa ta'an; loosaan karra dallawa qachatti'ii caccabeera; manniin ibiddaan gubataniiran.


Malkanni arginu hin jiru; raanni ammaa achi ka'u tokkollee hin jiru; wonti kun nu biratti haga yoomii akka jiraatu nu keessaa ka beeku hin jiru.


Rabbi si'i, mootummaa keetii fi abboota tee ta durii gara orma ati hin beennee dabarsee isaan fida; achitti waaqa tolfamaa mukaa fi dhagaa irraa tolfaman waaqeffattan.


Ani woshaadoo isa qabu isa jalatti badhisee akka inni isaan qabamu godha; inni waan na ganeef ani gara Baabiloonii isa fidee isatti murteessa.


Ani garuu siiboo kiyya badhisee isa qaba; uduu inni ijaan hin argine gara qachaa Baabiloonii ta inni itti du'uu isa fida.


Hafuurri lubbuu keennaa ka Rabbi dibe; siiboo isaaniitiin qabame; gaaddisa jala worra Yihuudii hin taane keessa jiraanna jennee yaannee turre.


Namoonni, «Deemaa'a! isin worri battooftan» jedhanii isaanitti wocan; «Deemaa'a! deemaa'a! nu hin tuqinaa'a!» isaaniin jedhan; hennaa dheessanii jal jal jedhan; namoonni worra Yihuudii hin taane keessa jiraatan «Ammaa achi as taa'uu isaan hin barbaachisu!» jedhan.


Baay'inna rakko'ootiin dhiitamtee Yihuuda'aan booji'amtee deemte; banii ufii jidduu teette; hulee itti hara baafattu dhabde; uduu hucuucama keessa jirtu worri isii ari'ana maruu isii argatan


Loltoonni ajajaa worra balbala eeganii kabajjama'aan masakkaman dallaya Yerusaalemii diigan.


Worri Baabiloonii dallawa Yerusaalemii maraa diiganii mana mootumma'aatii fi manniin jireennaa ka bani'ii maraa ibiddaan guban.


Sedeqiyaas mooyee woggaa kudha tokkeesso'oo ji'a arfeesso'oo guyyaa sagaleesso'ootitti dalloofni qachatti'ii diiggame.


Rabbi akkana jedhee deebise, «Raattonni maqaa kiyyaan soba dubbatan; ani isaan hin ergine; isaanillee hin ajanye; jechuma tokkollee isaanitti hin dubbanne; mudhanni isaan argine jedhan maruu ka ana biraa dhufee miti; raanni isaanii maruu mudhata sobaa, mita, waaqa tolfamaa waaqeffatu'uu fi yaada duwwaa uf keessaa burqisiisan.


Seedeeqiyaas uduu ijji isaa argitu ijoolleen isaa qalaman; kanaan maayessa Nabukadanatsoor Seedeeqiyaasiin ija keessaa baasee harka isaa haada sibiilaatiin hidhee gara Baabiloonii fide.


Rabbi Gooftaan banii maraa banii Yerusaalemiitiin «Waan raattonni isiniin jedhan hin dhagayinaa'a; isaan abdii sobaatiin isin guutanii wonti isaan isinitti himan waan yaada ufiitiin eebjotan malee dubbii ani isaanitti himee miti.


Eboon diina isaanii qachoota isaanii dhaya; balballan qachootaallee hin caccabsa; gorsa isaanii hamaallee isaan harkaa balleessa.


Balbala dallawa qachaa Damaasqo'oo maraa hin caccabsa; banii dhooqa Aawerii keessa jiraatanii fi bulchaa Beeti'eedanii hin balleessa; banii biyya Sooriya'aa booji'anii gara Qiirii fidan.»


Akkuma Rabbi hennaa waan mishaa isinii godhu, hennaa isin baay'isu gammade sanitti Rabbi hennaa isin balleessuu fi isin diigullee hin gammada; lafa dhaalu'uuf itti galtan san irraallee hin buqqaatan.


Kanaafuu maal godhuu akka isa barbaachisu Rabbiin gaafate; Rabbi ammo eebju'uun yookaan Uuriim yookaan raagaan deebii hin kennineef.


Qachattiin sirima diiggamteerti; balballan isi'iillee bututanii kufaniiran.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ