Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 2:7 - Kitaaba Woyyuu

7 Rabbi hulee ciincaa ufii hin tuffate; hulee woyyuu ufiillee hin dhiise; dallawa mana mootummaa isi'ii dabarsee diinaa kenne; akkuma guyyaa ayyaana wogga'aa godhan mana Rabbii keessatti laagaa gudda'atu dhagayame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 2:7
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

‹Rabbi Gooftaan banii Israa'eliititti akkana jedhii dubbadhu naan jedhe; mana kiyya woyyuu dhaaduu ulfinna keessanii, abdii ija keessaniitii fi gammachuu onnee keessanii ta'e akka batteessitaniif isin dhiisa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa ta Yerusaalemitti hafan woraanaan dhuman.


Kanaafuu ani biyya Yihuuda'aa irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan Yerusaalemiillee hin guba.»


Mana woyyuu, mana mootumma'aatii fi mana namoota gugurdaa Yerusaalemiin keessa jiraatanii akkasuma gamoo gugurdaa gube.


Achiin maayessa inni, «Isin waan kana maraa hin argitanii mii? isaaniin jedhe, Ani dhugaa isinitti hima, dhagaan tokkochi wol irratti hin hafu; martinuu hin diiggama» isaaniin jedhe.


Kanaafuu sababaa keessaniif Tsiyoon akka maasa'aatitti qotamti; Yerusaalem diiggamtee tuulamti; huleen manni woyyu'uu itti ijaarame bosona jaamaa ta'a.


Banii keessaa namoota hammeeyyii as fidee akka isaan manniin keessan dhaalan godha; uf tuuluu worra jajjaba'aa hin balleessa; isaan hulee keessan ka woyyoome hin batteessan.


Rabbi akka diinaatitti Israa'eliin balleesse; manniin mootummaa isi'ii maraa hin balleesse; kusheewwan isi'ii hin diige; banii Yihuuda'aatitti booyaa fi gadda baay'ise.


Rabbi attamitti lola ufiitiin Tsiyooniin salphise! ta gara sami'ii ol baatee turte; ta Israa'el dhaadattuun gara lafaa gad darbe; guyyaa lola isaa akka hulee luka isaa irra kaayatu akka taate yaadatuu hin barbaanne.


Worri Baabiloonii dallawa Yerusaalemii maraa diiganii mana mootumma'aatii fi manniin jireennaa ka bani'ii maraa ibiddaan guban.


Worri Baabiloonii ta qachattii tana marse dhufanii guban; akkasuma manniin na aarsu'uuf hixaana waaqa tolfamaa ba'aaliif ginnoo gubba'atti aarsanii fi waaqolee tolfamaa biraatiifillee ciincaa waan dhuganii itti dhiyeessanillee hin guban.


«Bara Hisqiyaas mootii Yihuuda'aa ture; raattichi Mikkiyaas namni biyya Mooreeshii dubbii raagaa ka Waandhi banii maraa dubbate bani'itti; ‹Tsiyoon akka lafa qonnaatitti qotamti; Yerusaalem akka tuulaa waan diiggamee taati; tulluun manni woyyuun itti ijaarame doba'atu itti marga› jedhee labsee ture.


Yoo naa ajajmuu diddanii akkasumaan ka deemtan ta'e waan Sheelo'otti godhe maraa mana woyyuu kiyya kanattillee deebi'ee godha; baniin adunya'aa maruu maqaa qachattii tanaa akka abaarsaatitti laalan»


Mana woyyuu Rabbii hin guban; dallawa Yerusaalemiillee hin diigan; galma isi'iillee ibiddaan guban; meeshaa isi'ii mishaa maraa hin balleessan.


Garuu ani Rabbi Waaqa isaanii waan ta'eef uduu isaan biyya diintota ufii jiran, haga isaan balleessuu waadaa isaan woliin gale haga diigutti isaan hin gatu; isaan hin shakkulle'e.


Qachoota keessan duwwaa godha; mana woyyumma'aa keessanillee hin diiga. Ciincaa mishaa keessanillee hin urgeeffadhu.


Waadaa garbicha kee woliin galte hin diidde; gulloo isaa ka ulfinnaa daaraa irra buuftee salphifte.


«Rabbi Waandhi Israa'elii akkana siin jedha, ‹Sedeqiyaas! ani meeshaa ati moototaa fi worra Baabiloonii ka dallawa duubaan si marsaniin woraantu meeshaan sun deebi'ee akka si miidhu godha; meeshaa lolaa sanillee akka qachattii keessatti tuulamu taasisa.


«Worri Baabiloonii ka booji'amee fi worri Baabilooniin keessatti baqatanii gara Yerusaalemii dhufan; isin laagaa Rabbi Waandhi keenna worra Baabiloonii haluu bayu caqasaa'a.»


Ayyaana isi'ii kabajju'uuf ka dhufu waan hin jirreef; karaan Tsiyoonii maruu duwwaa ta'a; balballan isi'ii maraanuu ka seenuu fi ka bayu hin jiru; gadoonni isi'ii hin gaddaan; hin woyatan; durbi isaanii maruu gaddanii gaddaniiran; isiin mararo'oon dhiphatti.


Inni mana woyyuu Rabbiitii fi mana mootummaa mootichaa ibiddaan gube.


Waandhana! biibboftee nuun hin lolin; baraa haga bara baraa cubbuu keenna nutti hin laakkayin; yabo'oo nu maruu banii keetii nu laali.


Lafti laliftuun gara lafa gammoojji'ii jijjiiramteerti; Rabbi waan guddisee loleef qachoonni isi'ii maruu diiggamaniiran.


Rabbi lafti akka gara lafa gammoojji'iititti jijjiiramtu haga dhumaa garuu akka isii hin balleessine dubbateera.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ