Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 2:4 - Kitaaba Woyyuu4 Akka diinaatitti buundhee ufii mirmirfate; waan harka ufii ka mirgaatii qabate nutti mirmirfate; qachaa Yerusaalemiititti waan nu ittiin dhaadannu maraa ajjeese; lola ufii akka ibiddaatitti qabsiise. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Isin baniin Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraattan! Badooma garaa keessanii baasa'aatii sammuu qulqulleeffadha'aa namummaa keessan maraanuu Rabbitti bulaa'a; yoo waan kana godhuu baattan garuu sababaa hujii hamaa keessaniitiif lolli kiyya akkuma ibiddaa isinitti bobaya; lolli kiyya yoo akka ibiddaa bobaye eennullee dhaamsuu hin danda'u.»
«Abbootiin teenna seera kitaaba kana keessatti barreeffame akka eegan Rabbi isaanii kenninaan isaan garuu waan eeguu didaniif lolli Rabbii ka nu irra jiru waan guddaa ta'eef deema'aa waan kitaaba argamee kana waan kiyya, waan banii biyya Yihuuda'aatii fi waan banii biyya Israa'elii ka hafaniifillee Rabbiin gaafadhaa'a» jedhee isaan ajaje.