Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 2:2 - Kitaaba Woyyuu2 Gooftaan hulee jireenna ka Israa'elii maraa araara malee balleesse; dheekkamsa ufiitiin kushee banii Yihuuda'aa diige; mootummaa isi'iitii fi worra isi'ii ka baallii qaban salphisee gad deebise. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Ani si'ii fi bulchoota woraanaa ka balaa irraa hafan, worra lolaa fi banii beela irraa hafan maraa akka mooticha Nabukadanatsoorii fi diintota si ajjeesu'uuf barbaadaniin booji'amtan godha; inni araara yookaan garaa laafee nama tokkollee sii hin dhiisu; ka waan kana dubbate ana Rabbi jedha› jedha'aatii Sedeqiyaasitti himaa'a» jedhe.
Uduu worri Edoomota jedhaman horteen Eesawu'uu qachoonni teenna diiggamaniiran; haa ta'uu ammo deebifnee ijaarra jedhanii Waandhi banii maraa ammo isaan hin ijaaran; ani ammo hin diiga baniin maruu biyyattii biyya hammeennaa worra isii keessa jiraatan «Banii Rabbi baraa haga bara baraa lole jedhanii isaan waaman» jedha.