Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Iyyaasu'uu 7:9 - Kitaaba Woyyuu

9 Worri Kana'aaniitii fi worri biyya san keessa jiraatan maruu dhagayanii nu marsanii maqaa keenna lafa irraa balleessan; ulfinna maqaa kee guddaa kanaatiif wonti ati gootu maali'i?» jedhee kadhate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Iyyaasu'uu 7:9
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Nuuf uduu hin taane; yaa Rabbi! nuuf uduu hin taane, jaalalaa fi dhugaa keetiif jedhii maqaa keetiif ulfinna kenni.


Waandhana! galanni kee akkuma maqaa keetii; haga daangaa lafaa dhaqa; harki kee ka mirgaallee ka balchumma'aan guuttame.


Waaqaa fayyisaa keenna taate! ulfinna maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari; maqaa keetiif jedhii nu oolchi; cubbuu keennallee nuu dhiisi.


«Ammaa achi maqaan Israa'elii akka hin qaabatamne; akka banii hin taane koottaa isaan haa balleessinuu» jedhan.


Yaada tokkoon wolii galanii mari'atan; si irratti wolii kakatan.


Worri biyya Misirii ‹gaara jiddu'utti fixee lafa irraa isaan balleessu'uuf waan hama'aaf isaan baase› jedhanii maaf dubbatan? Lola irraa deebi'i; banii kee ka dhara hujee garaa laafi.


Garuu banii isaan woliin jiraatan afo'otti akka biyya Misiriitii isaan baasu worra Israa'eliitii waadaa galee ture; kanaafuu akka maqaan kiyya hin tuqamne akka isaan biyya Misiriitii bayan isaan taasise.


Gadoonni Rabbiin tajaajilan hulee ciinca'aatii fi karaa wol bira lufaniin keessatti haa booyanii; «Gooftaa kiyya! banii keetii garaa laafi; Worri Yihuudota hin taane Waandhi keessan eessa jira? jedha'aa akka nu tuffatanii fi akka nu irratti baldan hin godhin!» haa jedhanii.


Diintonni tiyya waan kana maraa hin argan; diinni kiyya ka Rabbiin Waandhi kee eessa jira? naan jedha'aa ture salphinna uffata; ani kufa diina kiyyaa hin arga akka dhoqqee karaa irra jiru irra deemaniititti hennaa isa irra deeman hin arga.


Muuseen ammo Rabbiin, «Waan ati godhu'uuf taatu kana worri Misirii yoo dhagaye, waan ati hunna keetiin nu jiddu'uu baafteef


Abbaa kiyya! Maqaa kee kabajji!» jedhe. Kanaaf, «Kabajjeera, akkasuma hin kabajjaanille'e» laagaan jedhu sami'ii dhufe.


yoo kana ta'uu baate garuu akka Waandhi jecha abdi'ii isaanii kennetti Waandhi banii ufii gara lafattii sanii galchuu dadhabe› jedhanii worri biyya Misirii uf jajuu jalqaban; akkasuma ‹Rabbi banii ufii waan jibbeef isaan fixuu muratee gara lafa gammoojji'ii isaan baase› akka hin jenne;


Rabbi Iyyaasu'uun «Maaf kallacha keetiin gad kufte? ol jedhi!


Waaqa kiyya, yoo baniin Israa'elii diina ufii jalaa dheesse ani maal jedha?


Rabbi waan banii ufii isin godhachuu barbaadeef waan maqaa guddaa ufiitiif jedhee banii ufii hin dhiisu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ