4 Kanaafuu namoonni haga kuma sadihii gayan ka duula dhaqan garuu worra Gaayii jalaa dheessan;
Qara guraadee isaa hin balleessite; hennaa lolaallee isa hin gargaarre.
Akka alaabaa sammuu gaaraa irratti dhaabamee; akka malkata tulluu irraa; taatanii haga haftanitti; dhaaduu nama tokkootiin namni kumaa dheessa; isin maruu nama shan dheessitan.»
Cubbuun keessan isinii fi Rabbiin jidduu waan golgeef cubbuun keessan waan Rabbiin irraa isin fooyeef kadhaan keessan isinii hin dhagayamu.
Ani waan aari'iin isin irratti ka'uuf hin mooyatamtan; worra isin jibbutu isin bulcha; uduu eennullee isin hin ariine baqattan.
«Rabbi diina kee afo'otti si dhaya; karaa tokkoon isaanitti dhaxxa; karaa torbaan isaan jalaa dheessita; waan si irra gawuun mootonni biyya lafaa maruu nayan.
Waandhi isaanii yoo isaan hin gurguranne Rabbi dabarsee yoo isaaniif hin kennine namni tokko attamitti nama kumaa ari'a ture? Namni lamaallee attamitti nama kuma kudhanii ari'a?
gara Iyyaasu'uu deebi'anii «Namoonni kumni lamaa yookaan kumni sadihii bayee Gaayitti haa duuluu malee baniin maruu akka hin duulle; sababaanillee «Isaan banii hagoo waan ta'aniif baniin maruu bayee akka hin dadhabne» jedhaniin.