Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Iyyaasu'uu 7:1 - Kitaaba Woyyuu

1 Ijoolleen Israa'elii waan hirmii ta'een Rabbiin yakkan; Akaaniin gosa Yihuuda'aa ilmi Karmi'ii, ilmi Zambariitii fi ilmi Zaara'aa waan battii ta'e fudhannaan Rabbi guddisee ijoollee Israa'eliititti aare.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Iyyaasu'uu 7:1
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ilmi Zaara'aa Akaan waan Rabbi dhoogge fudhatee banii Israa'elii irratti akka Rabbi balaa buusu hin goonee? Cubbuun sun garuu isa callaa hin ajjeefne› » isaan jedhan.


Ogummaan meeshaa woraanaa caala; cubbamaan tokko garuu waan mishaa baay'ee balleessa.


Sababaa kanaaf Rabbi lolee worra Israa'elii balaa itti buuse.


Yoo isin adha Rabbiin afo'otti cubbuu hojjattan, Rabbi boru banii Israa'eliitiin lola.


«Worri banii Rabbiiti jettan maruu cubbuun isin Rabbii Waaqa Israa'elii irratti hojjatan kun maali'i? isin amma Rabbitti buluu dhiiftaniirtan; adha hulee ciinca'aa hojjatuu keessaniin Rabbitti kaataniirtan.


Worri markaba keessa jiran maruu akkana woliin jedhan, «Akka nu waan hamaa kana irratti kufnu eennu akka sababaa waan kanaa ta'e beeku'uuf koottaa'a hixaa wolii buufnaa.» Hixaa wolii buusanii hixaan sun Yoonaasii baye.


«Waaqa kiyya! cubbuun keenna waan nu irratti guddateef, yakki keennallee haga Sami'iititti waan ol guddateef, Waaqa kiyya! ani ol jedhee si laaluu hin uggu, hin sodaadhalle'e.


Isaan Rabbii Waaqa abboota ufii dhiisanii waaqa tolfama'aa fi mukkiin waandhi tolfamaan itti waaqeffamullee waaqeffatana; yakka isaan hojjatan kanaaf Rabbi banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatiin lole.


Rabbi hennaa lammeesso'ootiif worra Israa'eliitiin lolee Daawitiin, «Deemiitii worra Israa'eliitii fi worra Yihuuda'aa laakkayi!» jedhee isaan irratti muude.


Yaa Gooftaa'a! ati Waaqa dhuga'aati; nu'u ammo siif amanamtoota ta'uu dhiifnaan nu baniin Yihuuda'aa worri fago'oo fi dhiyoo jirru ka ati biyya maraa keessa bittinneessite, nu'u worri Yerusaalemiitii fi baniin Israa'elii maruu amma salphinni nu irra gayeera.


Achiin maayessa Muuseen Aarooniin, ijoollee Aaroonii Alaazarii fi Itaamiriin, «Akka hin duune, lolli Rabbii banii maraa irratti akka hin buune gadditanii mataa hin haadatinaa'a, uffatallee uf irratti hin bibbiinxinaa'a; garuu worra Rabbi ibiddaan gubee isaan fixe maraafuu booyaa'a.


Isaan hennaa gaara Eelsaa'i irra jiraatu gayan Giyaaz qalqala lamaa harkaa fuudhee haga mana seensiseen maayessa hojjattoota Ni'iimaanii geegesse; isaanillee ka'anii biraa deeman.


Ijoolleen Yaaqoobii obboleettii isaanii Diinaa waan habaxeessaniif gara qachattii worra du'anii seenanii,


Nama akka keetii hammeenni hin miidha; yoo hujii mishaa hojjattee nama fayyadda.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ