Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Iyyaasu'uu 6:3 - Kitaaba Woyyuu

3 duultonni keessan maruu guyyaa jahaaf harka tokko tokko qachattii tana irra haa naannayanii.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Iyyaasu'uu 6:3
9 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Haa ta'uu ammo guddinna hunna Rabbii irraa malee nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra.


Isin garuu Rabbiin hin dhibinaa'a; nu namoota biyya sanii salphamatti isaan mooyannaa hin sodaatinaa'a; gaachenni isaan irraa mulqameera waan Rabbi nu woliin jiruuf isaan hin sodaatinaa'a» jedhan.


Bani'iinillee «Deema'aa qachattii naannayaa'a; worri duulaa garuu saanduuqa waadaa Rabbii afoo haa deemanii» jedhe.


Guyyaa lammeesso'ootittii haga guyyaa jahaa qachattii keessa naannayanii gara gandaa deebi'an.


Rabbi Iyyaasu'uun akkana jedhe, «Iyyaariko'oo fi mootii isi'ii, worra jajjabaa hunna qaban sii kenneeraa;


Gadoonni torbaa worri xurumbaa torbaa qabatan saanduuqa waada'aa afo'otti firrisanii deemanii woliin haa baadhatanii; guyyaa torbeesso'ootitti qachattii hennaa torba naannayaa'a; worri gadootaa xurumbaa haa afuufanii.


Duulli kun hennaa tokkoof saanduuqa waadaa Rabbii qabatanii qachattii keessa naannayanii hulema duraatitti deebi'anii achuma bulan.


Naannaya qaccee gongaa bisaanii gama lamaaniinuu hin bareechisan; wonti gongaa bisaanii kana midhaassaniin akkaataa fakii qotile'eetiin hojjatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ