Banii Israa'elii! isin yoo seebartanillee banii Yihuuda'aa yakkamtoota hin taasisinaa'a; gara Gelgela'aa yookaan gara Beeti'aweenii hin dhaqinaa'a; ‹Rabbii jiraataa'a› jedha'aa hin kakatinaa'a.
Gara Beersaabeehii hin deeminaa'a; Beeteel diiggamtee waan badduuf banii Gelgelaa keessa jiraatan irrattillee akka baqatan waan isaanitti murteeffameef gara Beeteeliitii fi gara Gelgela'aa hin deeminaa'a.»
Banii kiyya! mootii Moo'aabii Baalaaq maal akka sitti karoorfatee fi Bala'aam ilmi Bi'oorii maal akka isaa deebise yaadadhu; ati Shiximii kaatee hennaa gara Gelgela'aa deemtu waan karaa irratti ta'e qaabadhu; uduu waan kana maraa qaabattee waan ani si oolchu'uuf godhe kana maraa hin beetta.»
Yoonaataan nama meeshaa woraanaa isaa baadhateeruun, «Koottu gara duultota worra hin gadoomnee dhandhaa Rabbi nu gargaaraa nama hago'oo fi baay'eellee Rabbi fayyisuu hin dadhabuu» jedheen.
ani garbichi kee ka leencaa fi yeyyii dhawu namicha Filisxeemii faficha kana waan duultota Rabbii jiraata'aa kana tuttuqeef akkuma busaawaa hoolota nyaachu'uuf dhufu san godhe isallee akkasuma godha;