Eeganaa Rabbi Waandhi keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa jabaa'a, Waaqa nama sodaachisu; ka murtii wol hin caalchifne ka araaraa fi gatii nama hin gaafanne waan ta'eef isin daba onnee teessanii qajeelfadhaa'a; ammaa achi worra lum'a jabaatu hin ta'inaa'a.