Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Iyyaasu'uu 3:3 - Kitaaba Woyyuu

3 bani'iin «Saanduuqa waada'aa ka Rabbii Waaqa keessanii gadoonni worra Leewwotaa hennaa isaan baadhatan yoo argitan hulee bultan kanaa ka'aatii isaan faana deemaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Iyyaasu'uu 3:3
20 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Worri saanduuqa Rabbii baatan akkuma tarkaanfii jahaa deemaniin korma tokkoo fi mirgoo tokko fidee ciincesse.


Saanduuqa waadaa Rabbii konkolaataa fardaa haarawa irratti fe'anii mana Aminaadaabii ka gaara irra turee fidan; ijoolleen Aminaadaabii Ooza'aa fi Ahaayu konkolaataa fardaa haarawa oofa'aa turan.


Manguddoonni Israa'eliillee maruu dhufanii, worri gadootaa saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii,


Akkasuma gadoonni ciincaa ciincawu, ciincaa midhaaniitii fi ciincaa biraa naa dhiyeessa'aa na tajaajilan gosa Leewwi'ii keessaa sirima hin dhabamu.»


Baniin gaara woyyuu biyya gammoojji'ii keessa jiru dhiisee deemsa guyyaa sadihii isaan firrisee deeme.


Hennaa achii ka'e Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii mi'a mana woyyu'uutii fi mana woyyuu haga uwwisaniin maayessa ijoolleen Qa'aatii hennaa san baadhachu'uuf dhufan isaan akka hin duuneef mana woyyuu akka hin tundhe daasee wol gayi'ii keessatti wonti ijoolleen Qa'aatii baadhattu kana.


Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Ka ana faanaa deemuu fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu.»


Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisaa'a! bakka ati dhaxxu maraa si faana deema» jedheen.


worra leewwotaa ka saanduuqa kakuu Rabbii baadhatan akkana jedhee ajaje;


Kanaan maayessa Muuseen seera kana katabee gadoota worra ijoollee Leewwotaa worra saanduuqa kaku'uu baadhata'aa turanii fi jaarsota worra Israa'elii marattuu kenne.


Fageenni worra saanduuqa waada'aa baadhataniitii fi isin jidduu jiru haga ciqilee kuma lamaa haa ta'uu; isin duraan karaa kana deemtanii waan hin beenneef karaa deemtan akka beettaniif gara worra saanduuqa waada'aa baadhatanii deeman fago'oo laalaa malee itti hin dhiyaatinaa'a» jedhanii ajajan.


Iyyaasuun gadootaan, «Saanduuqa waada'aa baadhadha'aatii banii afoo lufaa» jedhee isaanitti hime; isaanillee saanduuqa waada'aa baadhatanii banii afoo lufan.


Atillee gadoota saanduuqa waada'aa baadhataniin hennaa laga Yoordaanosii bira geettan, laga Yoordaanosii keessa dhaabadhaa'a jedhii isaan ajaji» jedheen.


Akkuma Muuseen Iyyaasuu ajaje, Rabbi Iyyaasu'uunillee bani'itti akka himu waan isa ajaje maraa haga raawwatutti gadoonni saanduuqa waada'aa baadhatan Yoordaanosiin keessa waan dhaabataniiraniif baniin daddafee ceeye.


Ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun gadoota waamee, «Saanduuqa waada'aa baadhadhaa'a; gadoonni torbaa xurumbaa torbaa qabatanii saanduuqa waadaa Rabbii afoo haa deemanii» isaaniin jedhe.


Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.


Worri Leewwotaa saanduuqa waadaa Rabbiitii fi saaxinii mi'a worqi'ii uf keessaa qabu ka isa woliin jiru buusanii dhagaa guddaa irra kaayan; guyyaa san namoonni Beetasaamisii ciincaa ibiddaan ciincawu Rabbii dhiyeessan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ