3 Mootichi Iyyaariko'oo, «Namoota biyyattii gaadu'uuf dhufan ka mana kee jiran baasi!» jedhee gara Ra'aabii namoota erge.
Ji'a sadihiin maayessa «Mucattiin ilma keetii Timaar seebartee seebarumma'aan ulfoofte» jedhanii Yihuuda'atti himan. Yihuudaanillee, «Gad baasaa ibiddaan haa gubattuu» jedhe.
‹Nu worra dhugaa dubbatu malee gaaddu'uu miti;
«Bulchoonni Amoonotaa mootii Haanooniin wonti Daawiti namoota kanniin ergeef abbaa kee kabajju'uuf si woliin waan gaddu sitti fakkaataa? sirimaa akkas sitti hin fakkaatin; inni namoota kanniin wonti ergeef qachattii irratti balaa buusu'uuf akka isaa tolu gaadu'uufii mii?» Jedhaniin.
Hojjattoonni Abeseloomii gara mana dubartittii sanii seenanii «Akimaasii fi Yoonaataan eessa jiran?» jedhanii gaafatan; dubartittiin ammo «laga ceeyanii lixan» isaaniin jette; isaanillee haga jara san soqanii dhaban gara Yerusaalemii deebi'an.
Bulchoonni biyya Amoonii garuu, «Waan Daawiti abbee kabajju'uuf jedhee akka si jajjabeessaniif namoota sitti erge seetaa? Sirima sitti hin fakkaatin! Namoonni dhufan kunniin biyya qoru'uuf, balleessu'uuf, gaadu'uuf gara kee dhufanii mitii?» jedhaniin.
Worri hammeeyyiin sunniin ‹hennaa balaan dhufu miidhaan isaan irra hin gawu; lolli Rabbii hennaa dhufe jalaa bayan› jedha'aa dubbataniiran.
«Namicha maqaa Rabbii arrabsu san ganda keessaa baasaa'a; namoonni hennaa inni Rabbiin arrabsu dhagayan maruu namni sun nama yakka hojjate ta'uu isaa ragu'uuf harka ufii mataa isaa irra haa kaayanii; achiin maayessa baniin Israa'elii maruu dhaga'aan dhayanii isa haa ajjeesanii;
Philaaxoos ammo gara diidaa bayee, «Kunoo yakka tokkollee akka isa irratti hin argine akka beettan isa ammo gara diidaa isinii baasa» isaaniin jedhe.
Haga qabeenii gara mana hidha'aa seensise, Faasika'aan maayii gara bani'ii baasu'uuf yaadee marti isaaniituu loltoota afur ta'anii akka isa eegan loltoota garee afuritti qoodamanitti dabarsee isa kenne.
Heroodisillee isa baasu'uuf hennaa yaade, halkan san Pheexroos haada sibiilaa lamaan hidhamee loltoota lama wodhakkaa rafe. Worri eegan balbala afoo taa'anii mana hidha'aa eegan.
Kanaaf mootota shanan Yerusaalemii, mootii Keebroonii, mootii Yaarimii, mootii Laakisoo mootii Adoolaamii goda keessaa gara isaa isaan baasan.
Mootichi Iyyaariko'oo, «Israa'eliin keessaa biyyattii tana gaadu'uuf namoonni halkaniin seenaniiran» oduu jedhu dhagaye.
Intalti sunillee namoota kanniin lachuu dhossitee, «Namoonni gara kiyya dhufaniiran; garuu eessaa akka dhufan ani hin beeku;
Kanaan maayessa innillee isi'iin «Gad bayii balbala daase'ee afoo dhaabadhuu yoo namni dhufee si gaafate hin jiru jettaanii» jedheen.