Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Iyyaasu'uu 13:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Laga shihoorii ka biyya Misirii afoo jiruu jalqabee haga daangaa biyya Kana'aanii taate Gaazaa, Azaaxoon, Asqaloonaa, Geetii haga Aqaroonii jajjaboonni shanan worri gara bita'aatiin jiranillee

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Iyyaasu'uu 13:3
18 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ijoolleen Kaamii Kuush, Mitsiraayim, Fuuxii fi Kana'aaniin fa'a.


Gaafas Rabbi Abraamiin «Laga Misiriitii haga laga guddaa Efraaxisii lafa tana maraa hortee keetii kenneera.


Bara san keessa Solomoonii fi baniin Israa'elii ka isa woliin jiru maruu baniin guddaan biyya Haamaatiitii jalqabee haga galaana biyya Misiriititti guyyaa torbaa Rabbii Waaqa keenna afo'otti ayyaanteffatan.


Kanaafuu Daawiti Saanduuqa Waadaa Rabbii Qiriyaatiyi'aarimii gara Yerusaalemii fidu'uuf banii Israa'elii gara kibbaatiin haga daangaa biyya Misirii; gara kaabaatiin haga karaa gara Hamaatii fiduu wolitti qabe.


Bisaan gugurdaa irra; Xiroosii midhaan Shiihoorii dhufa'aa ture; midhaan abbaayii galii isi'ii ture; isiin buufata daldala moototaa taate.


Wonti ati gara biyya Misirii buutee bisaan laga Abbaayii dhuguu barbaaddeef bu'aa maal argatu'uuf? gara biyya Asoorii buutee wonti bisaan laga Efraaxisii dhuguu barbaaddeef bu'aa maal waan argattu sitti fakkaateeti?


Baniin lafa bisaaniin marfamte ta qarxees jedhamtee waamamtuu dhufe worra Eewwota jedhamee waamamu ka naannoo Gaaza'aa jiraatu balleessanii hulee isaaniititti quphatan.]


Ijoolleen Israa'elii garuu Geeshurootaa fi worra Maayikootaa uf keessaa hin baafne; isaan haga ammaa isaan woliin jiraata'aaran.


Worri jajjabaan baallii qaban ka worra Filisxeemii isii bira dhaqanii, «Isa sobii, hunni guddaan isa irra jiru kun maal akka ta'e, nullee isa mooyannee akka isa hidhuu dandeennu hunni isaa guddaan maal akka ta'e beeki, yoo san nu marti keennaa nama tokko tokkoon saqilii kuma tokkoo fi dhibba tokko, kuma tokkoo fi dhibba tokko sii kenninaa» isi'iin jedhan.


Worra gugurdoota shanan Filisxeemii, worra Kana'aanootaa maraa fi Siidoonota maraa gaara Ba'aal'armoni'eemiitii haga seensa Haamaatii, worra Eewwotaa ka gaara Libaanosii irra jiran,


Worri Filisxeemii saanduuqa waadaa Rabbii hulee Abeeni'eezer jedhamuu fuudhanii gara Azaaxoonii fidan.


Saanduuqa waadaa Rabbii gara Asqaaloona'aa fidan; hennaa saanduundhi waada'aa gara Asqaalona'aa dhufe worri Asqaalona'aa «Nu'uu fi banii keenna fixu'uuf saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii nutti fidan» jedhanii iyyan.


Wal gayanii gara mootota Filisxeemii maraa dhaamsa erganii «Saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii maal haa goonu?» jedhan; isaanillee «Saanduundhi waada'aa ka Waaqa Israa'elii gara Geetii haa geeffamuu» jedhanii deebisan; saanduuqa waadaa Rabbii baadhatanii achi fidan.


Isaanillee, «Ciincaan nu'u yakkaaf isaa dhiyeessinu maali'i?» jedhanii gaafatan. Isaanillee, «Balaan isinii fi bulchoota keessan irra geette takkattii waan taateef akka laakkobsa bulchoota worra Filisxeemiitiin sunsuma shanii ka worqii irraa hojjatame ka Iita qabu sunsuma worqii shan ka bifa hantuutaatiin hojjatame dhiyeessaa'a.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ