2 Biyyoonni hafan kanniin; biyyi Filisxeemiitii fi biyyi Geeshurootaa maruu,
Kaashuumii worri Filisxeemii irraa horee fi Qaftoorimiin uumate.
Beelli bara Abrahaam jiruu caalaa beelli guddaan lafa irratti dhufe; Yisaaqillee gara Abemelekii mootii Filisxeemii gara Geerara'aa dhaqe.
Ani garbichi kee Geeshuurii Sooriyaa keessa uduu jiru Rabbi gara Yerusaalemii uduu na deebisee Rabbii ciincaa dhiyeessa jedhee woreega galee ture» jedheen.
Ka lammeesso'oollee Doloohiyaa haadha manaa Naabaalii ka qachaa Qarmeloosii turte Abigiyaa irraa dhalate; sadeessoonillee Abeseloomii Ma'akaan intalti Talmaayii mootii Geeshurii deette.
«Isin baniin kutaa Xiiroos, Siidona'aa fi Filisxeemiin keessa jirtan maal godha'aartan? ana haluu bayuu barbaaddanii? yoo kana ta'e hujiin keessan yoosuu akka gara keessan deebi'u godha.
Isin worri Karitaawotaa ka galaana qaccee jiraattan jechuun worra Filisxeemii isin hobbaasi! murtiin Rabbii isinitti dhiyaateera; Kana'aanii biyya Fisxeemii taate si hobbaasi! namni tokkollee akka si keessa hin jiraanne taasisee si balleessa.
Ilmi Minaase'ee Iyyaa'ir worra Goshuurootaatii haga daangaa Maayikatotaa lafa Argoobii maraa fudhate; lafti Baasaanii tun haga adhaa gandoota Iyyaa'irii jedhamtee waamamti.
Gaara Armooni'eemii Saalkaan, Baasaanii haga Geeshurootaa haga daangaa Maayikatootaa mara, wodhakkaa Gala'aadiitii haga mootii Haseboonii, haga daangaa Seewoonii ka mootiin Aagii bulcha'aa tureeti.
Gala'aadiin, Geeshurootaa fi haga daangaa Maayikootaa mara, Gaara Armooni'eemii baasanii,
Ijoolleen Israa'elii garuu Geeshurootaa fi worra Maayikootaa uf keessaa hin baafne; isaan haga ammaa isaan woliin jiraata'aaran.
Worri ormaa ka Rabbi worra Israa'elii ka lola hin baranneen isaan qoru'uuf lola isaan barsiisu'uuf worri Kana'aanotaa ka inni achitti hambise kanniin,
Hennaa san keessa Daawitii fi namoonni isa woliin deeman Gashuurota, Gariizotaa fi Amaaleqootatti duulan; biyyoonni isaan keessa jiraatan kunniin Tele'oomiin irraa jalqabee Suurii haga biyyoota gara Misirii fidaniiti.