9 Iyyaasuun Gelgela'aa ka'ee halkan guutuu deema'aa bulee dimmaa isaanitti dhufe.
Nama ogummaa ufiitiin leenji'e argiteertaa? mootota biratti kabajjamaa ta'a; namoota hin mallee hin hojjatu.
Hunna qabdu maraanuu hujii kee maraa jabaadhuu raawwadhu; yoo duutee worra du'anitti eda'amte hulee sanitti hujiin, yaanni, beekkumsinii fi ogummaan waan hin jirreef.
Loltuu mishaa Yesuus Kiristoosii ta'iitii rakkinna na woliin qoodami.
Dubbii Rabbii lallabi; hennaa sii tolee fi hennaa sii hin tollellee; jabaadhu; obsa gudda'aan barsiisa'aa sirreessi, gorsille'e.
Rabbi Israa'eliin afo'otti isaan naasise, Gaabooniitti isaan rukutee karaa cinaa goodda Beetihooriitiin isaan ari'ee Azeeqa'aa haga Maqeeda'aatitti isaan fixe.
Rabbi Iyyaasu'uun «Isaan harka keetitti dabarsee sii kenneeraa isaan hin sodaatin, isaan keessaa namni tokkollee ka si danda'u hin jiru» jedheen.
Achiin maayessa Iyyaasuun loltoota isaa maraa woliin gara ladda bisaan Maarooniititti isaanitti dhufee balaa isaanitti buuse.