Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Iyyaasu'uu 10:4 - Kitaaba Woyyuu

4 «Kootta'aatii Gabaa'oon waan Iyyaasu'uu fi ijoollee Israa'elii woliin wolii galaniiraniif isaaniin lollaa na gargaaraa'a» jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Iyyaasu'uu 10:4
15 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kanaafuu Iyyaasuun isaan woliin nagaya buusee isaaniin wolii galee akka jireennaan jiraatan isaan woliin waadaa gale; bulchoonni bani'iillee isaanii kakatan.


Mootii Yerusaalemii Adoonitsedeq akka Iyyaasuun Gaayiin qabatee sirima akka isii balleesse, waan Iyyaariko'oo fi mootii isi'ii irratti godhe, akkasuma waan Gaayii fi mootii isi'ii irratti godhe, akka namoonni Gabaa'oonii worra Israa'elii woliin wolii galtee nagayaa akka godhatanii fi isaan woliin akka jiraatan hennaa dhagaye,


Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan.


Isaanillee waan isin isaan woliin hujii hamaa san hin hujjanneef isin maalalanii isin arrabsan.


Seebartoota adunya'aa jaalachuun Rabbiin wol loluu akka ta'e hin beettanii? Eegasuu ka biyya lafaatiin goshoo ta'uu fedhu maruu diina Rabbii ta'eera. Namni jaalalloo adunya'aa ta'u maruu diina Rabbii ta'eera.


Dhuga'aan worri Yesuus Kiristoosiin keessatti Rabbiin fakkaata'aa jiraatuu jaalatan martinuu hin ari'aman.


«Namoota Israa'elii! nu gargaaraa'a! Namichi hulee gaye maratti banii keennaa fi seera keenna, akkasuma hulee tanallee akka jibban taasisa'aa namoota barsiisu kana. Namoota Giriikotaallee akkasuma gara mana woyyu'uu seensisee hulee woyyuu kana batteesseera» jedha'aa harkaan dhaya'aa iyya'aa tumaniin.


Isin uduu worra adunya'aa taatanii adunyaan waan ufii hin jaalatti. Isin ka adunyaa kanaa waan hin taaneef adunyaa irraa isin filadhe. Kanaaf adunyaan isin jibbiti.


Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Ka ana faanaa deemuu fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu.»


Mootonni worra Amoorotaa shanan mootiin Yerusaalemii, mootiin Keebroonii, mootiin Riimuutii, mootiin Laaksoonii fi mootiin Adoolaamii loltoota ufii maraa woliin wol gayanii bayanii Gabaa'ooniin woliin wol lolu'uuf isii marsanii lola itti banan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ