Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Iyyaasu'uu 10:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Kanaafuu mootiin Yerusaalemii Adoonitsedeq gara mootii biyya Keebroonii, Hoohamii, gara mootii biyya Riimuutii, Phiri'aamii, gara mootii biyya Kiiso'oo Yaafi'a'aa, Adoolaamiitii fi gara mootii Daabeerii erge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Iyyaasu'uu 10:3
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Biyyi sun Keebroonii Kana'aaniin keessa jirtu. Abrahaamillee guddisee gaddee Saara'aa booye.


Abbaan isaallee, «Dhaqiitii hoolotaa fi obboleewwan tee ka nagaya jiranii kaan laaliitii waan isaan irra jiraniin naa deebi'i» jedheen; akka kanaan gammoojjii Keebrooniitii ka'ee gara Seekeemii dhaqe.


Daawitillee hennaa Keebrooniin taa'e, Yihuudaa maraa irratti woggaa torbaa fi wodhakkaa mooye.


Mootiin Yihuuda'aa Hisqiyaas, «Ani si yakkeera, waan ati naan jettu maraa hin fudhadha» jedhee ergaa gara mootii Asoorii erge; mootiin Asoorii mootii Yihuuda'aa Hisqiyaasiin, «Wonti ani barbaadu saqilii kuma kudhanii fi worqii saqilii kuma tokkoo akka naa ergitu» jedheen.


Kun akkanatti uduu jiru mootiin Asoorii lammeesso'oo fi loltoota jabaate guddaa laakishii kaasee gara Yerusaalemii duulchisu'uun Hisqiyaasiin irratti balaa akka buusan ajaje; loltoonni sunniin namoota baallii guddaa qabaniin masakkaman; isaan akkuma Yerusaalemiin gayaniin haroo boyii karaa gubba'aatiin yaa'u biraan karaa gara worra uffata miican fidu qabatan.


Loltoonni mootii Baabiloonii Yerusaalem achillee darbee qachoota dhokatan ta Laakishii fi Azeeqaa jedhaman ta Yihuudaa keessatti dhokatanii hafan irratti balaa buusa'aa turan.


worra biyya Laakishii keessa jiraatan! yakki Israa'elii waan isin irra jiruuf worra jalqaba Yerusaalemiin keessatti cubbuu hojjate waan taataniif faradoo keessan ta gaarii fardaa lugaamadhaa'a.


Gara bita'aatiin bayanii Keebrooniin gayan achitti ijoolleen «Eenaaqii» ka'imman Seesii fi Taalaam fa'atu jira; Keebroon Xaniyoosii biyya Misiriitiin dura woggaa torbaan dura ijaaramte turte.


Mootii Yerusaalemii Adoonitsedeq akka Iyyaasuun Gaayiin qabatee sirima akka isii balleesse, waan Iyyaariko'oo fi mootii isi'ii irratti godhe, akkasuma waan Gaayii fi mootii isi'ii irratti godhe, akka namoonni Gabaa'oonii worra Israa'elii woliin wolii galtee nagayaa akka godhatanii fi isaan woliin akka jiraatan hennaa dhagaye,


Kanaaf mootota shanan Yerusaalemii, mootii Keebroonii, mootii Yaarimii, mootii Laakisoo mootii Adoolaamii goda keessaa gara isaa isaan baasan.


Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu Lakisoo gara Adoolaamii deemanii marsanii isii dhayan.


Mootonni worra Amoorotaa shanan mootiin Yerusaalemii, mootiin Keebroonii, mootiin Riimuutii, mootiin Laaksoonii fi mootiin Adoolaamii loltoota ufii maraa woliin wol gayanii bayanii Gabaa'ooniin woliin wol lolu'uuf isii marsanii lola itti banan.


Maqaan Keebroonii duraan Qiriyaat'arbaaq jedhamti turte; Arbaaqiin tun namoota Eenaaqii maraa jiddu'utti jajamtuu turte; achiin maayessa biyyi lola irraa hara baafatte.


Humxaa, Keebroonii Qiriyaatarbaayi jedhamtu Tsii'oor; wolumaa galatti qachoota sagalii fi gandoonni didiqqaan achi keessatti argaman.


Ijoolleen Yihuuda'aa garuu worra Iyyaabusootaa ka Yerusaalemiin keessa jiraatan baasuu hin dandeenne; haga adhaatitti worri Iyyaabusootaa ijoollee Yihuuda'aa woliin Yerusaalemiin keessa jiraatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ