9 Kanaan maayessa mootichi garbicha Saa'olii Sibaa waamee «Qabeenna Saa'oliitii fi maatii isaa maraa ilma isaa Memfibooste'eef kenneera;
Mootichi, «Ilmi gooftaa keetii eessa jira?» jedheen; Siibaan mootichaan, «Baniin worra Israa'elii kunoo mootummaa abbaa kiyyaa naa deebisa jedhee Yerusaalemiin taa'aara» jedheen.
Mootichi Siiba'aan, «Wonti Memfibooste'ee maruu kee haa ta'uu» jedheen. Siibaan mootichaan «Mootii kiyya! ani hojjataa keeti hennaa maraa hujii si gammachiisu hojjachu'uuf xaara!» jedhee deebiseef.
Mootichi «Maaf dubbii natti guddifta? Atii fi Siibaan akka lafa qonnaa qoodamtan murteesseera» jedhe.
Memfiboosteen mootichaan «Yoo mootichi gara manaa nagayaan gale inni maraa haa fudhatuu» jedheen.
Bilchoo garuu yaanni isaallee bilcho'o; karoora ufii bilchinnaan raawwata.
Gosa Biiniyaamii keessaa nama maqaan isaa Qiis jedhamu dureessa beekkamaa tokkotu ture; inni ilma Abi'eelii, ilma Xiroorii, ilma Bikooraatii, ilma Afeeqii nama jabaa beekkamaa ture.