Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 8:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Kanaafuu worri Moo'aabii garboota isaa ta'anii gabbara'aa turan; Achiin maayessa Daawiti biyya laga Eefraaxisi ladda jiru qabachu'uuf hennaa deeme ilma Ra'aabii mootii Suuba'aa Adir'aazaariin dhayee ajjeese.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 8:3
15 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Gaafas Rabbi Abraamiin «Laga Misiriitii haga laga guddaa Efraaxisii lafa tana maraa hortee keetii kenneera.


Worri Sooriya'aa akka worri Israa'elii isaan injifatan haga argan loltoota ufii maraa hulee tokkotti wolitti qaban.


Mootiin Suuba'aa Adir'aazar worra Sooriya'aa ka gara baya biiftu'uutiin jiraniititti ergee; isaanillee Soobaaki ajajaan loltoota Adir'aazarii gara Eelaamii dhufan.


Mootota bulchiinsa Adir'aazarii jala jiran akka worri Israa'elii isaan mooyatan haga beekan isaan woliin wolii galtee nagayaa godhanii Israa'eliin jalatti bulan; achiin maayessa worri Sooriya'aa deebi'anii lammeessoo worra Amoonii gargaaruu sodaatan.


Worri Amoonotaa ufumaan Daawitiin akka diina ufii godhan haga hubatan Amoonota keessaa nama erganii worra Sooriya'aa ka Beeta Ro'aabii Suubaa keessaa namoota lukaan deeman kuma diddama; mootummaa Maa'ikaa keessaa namoota kuma kudhanii fi Xuubiin keessaallee namoota kuma kudha lamaa qaxaran.


Mootummaan Solomoonii laga Efraaxisii bulchiinsa Filisxeemii irraa jalqabee achi lufee haga daangaa biyya Misirii jiru maraa bulcha; biyyi kun maruu isa gabbaran; bara jiraatan maraa Solomooniin jalatti bulan.


Daawiti bulchiinsa naannoo laga Efraaxisii qabachu'uuf hennaa dhaqe mootii biyya Suuba'aa Adira'aazaariin haga biyya Haamaatiititti isaan mooyate.


Solomoon bulchiinsa Hamaatiitii fi Tsoobaatitti duulee isaan mooyatee qabate.


Yaa Rabbi! nu gatte; nu caccabsite; nuun lolte; amma garuu deebisii nu ijaari.


Galaanaa haga galaanaatitti; laga guddaa irraa haga daangaa lafaa bulcha.


daangaa kee galaana diimaa irraa haga galaana Filisxeemii, lafa gammoojji'iitii haga laga Efraaxisii godha; worra biyya san keessa jiraatan maraa harka kee jala galcha; atillee isaan ariita.


Huleen luka keessaniin ijjattan maruu teessan taati; lafa gammoojji'iitii haga galaana guddaa Efraaxisii, libaanosii haga daangaa galaana dhiyaa keessan ta'a.


Saa'ol mootummaa ufii worra Israa'elii irratti hin jabeeffate; diintota naannoo isaa jiru worra Moo'aabii, ijoollee Aamoonii, worra Edomiyaasii, mootota worra Suuba'aa, worra Filisxeemii maraanuu wol lola'aa bakka dhaaqe marattuu mooyata'aa ture;


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ