Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:7 - Kitaaba Woyyuu

7 Ijoollee Israa'elii maraa woliin hulee gaye maratti maaf mana muka birbirsaatiin naa hin ijaarre jedhee banii Israa'elii akka bulchaniif bulchoota filadhe keessaa namni gaafadhe hin jiraa?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:7
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Durumaanuu Saa'ol nu irratti mootii ta'ee uduu jiru Israa'eliin situ baasee galcha'aa ture; Rabbillee «Ati banii kiyya Israa'eliin hin eedda; Israa'eliin irrattillee bulchaa taata siin jedhee ture» jedhaniin.


baroota darbe keessa Saa'ol hennaa mootii ta'ee jiru ‹situ banii Israa'elii duulaaf bobbaasa; banii kiyya banii Israa'elii situ bulchaa; situ masakkalle'e› jedhee Rabbi Waandhi kee sitti himeera» jedhaniin.


hulema banii Israa'elii woliin deeme marattuu maaf birbirsaan mana naaf hin ijaarre?» jedhee nama Israa'eliin haa bulchu'uuf jedhee muude keessaa eennuun gaafadhee beeka?›


Tika ufii akkuma tisse'eetitti bobbaasa; ilmoolee irree ufiitiin wolitti qaba; ammuu keessatti isaan qaba; worra hoosisanillee seerumaan isaan masakka.


Rabbi akkana jedha, «Samiin teessoo kiyya; ardiin ejjata miila kiyyaati; manni isin naa ijaartan mana attamiiti? huleen ani itti hara baafadhu ka attamiiti?


Ani bulchota isaan eegan isaanii muuda; baniin kiyya ammaa achi soda'aa fi naasuu malee jiraatan, ani deebi'ee isaan hin adabu; yookaan isaan keessaa namni tokkollee hin dhidhatu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»


Worri isin eegan ka naa ajajaman isinii kenna; isaan ogumma'aa fi hubanna'aan isin masakkan.


Anuu hoolota tiyyaa tissee ta'a; akka hara baafatan isaan taasisa; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera»


«Ati ilma namaa! tissee banii Israa'eliititti raaga dubbadhu; waan ani Rabbiin maraa olii isaaniin jedhu maraa raagaan, «Isin tissee banii Israa'elii gobbuu kunuunsu'uu fi eeguu dhiiftanii ufuma callaa eeddan isin hobbaas!


Ani mootii akka Daawitii tajaajilaa kiyyaa isaanii moosisa; inni kunuunsee isaan tissa.


Inni hunna Rabbiitiin ka'ee tika hoolotaa bobbaasa; inni wonti kana godhuun gaachena maqaa Rabbii Waaqaatiin, inni amma haga daangaa lafaa waan jabaa ta'uuf isaan sodaa malee hollatan.


‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! ati qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa horoma hin diqqaattu; Sababaan ka banii kiyya Israa'eliin bulchu, Bulchaan si keessaa waan dhalatuuf›»


Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


«Namoota Israa'elii! nu gargaaraa'a! Namichi hulee gaye maratti banii keennaa fi seera keenna, akkasuma hulee tanallee akka jibban taasisa'aa namoota barsiisu kana. Namoota Giriikotaallee akkasuma gara mana woyyu'uu seensisee hulee woyyuu kana batteesseera» jedha'aa harkaan dhaya'aa iyya'aa tumaniin.


Rabbi Waandhi kee si fayyisu'uuf diintota kee dabarsee sii kennu'uuf qe'ee kee keessa waan lufuuf kana waan shingaa si irratti argee fuula ufii gara biraa akka hin deebifanne qe'een kee ka qulqullaaye haa ta'uu.


Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ