5 «Deemii garbicha kiyya Daawitiin waan ani sitti himu akkana jedhii itti himi; ‹Mana qulqullumma'aa ka ani keessa jiraadhu situ ijaaraa?
Garuu halkan san Rabbi Naataaniin
Mootichi akka dhagaa gugurdaa mimmishaa lafaa qotanii baasanii baqassanii bu'uura manaatiif akka qopheessan ajaje.
«Yoo ati seera kiyyaa fi ajaja kiyya eedde, waadaa abbaa kee Daawitii gale sii raawwadha.
«Gara Daawitii garbicha kiyyaa dhaqii mana woyyuu ani keessa jiraadhu ka ijaaru si'ii miti;
Rabbi garuu ati nama dhiigaa taatee dhiiga nama baay'e'ee waan jissiteef maqaa kiyyaaf mana naa hin ijaartu naan jedhe.
Karoorri gara'aa ka namaati; ka deebii kennu garuu Rabbi.
Rabbi akkana jedha, «Samiin teessoo kiyya; ardiin ejjata miila kiyyaati; manni isin naa ijaartan mana attamiiti? huleen ani itti hara baafadhu ka attamiiti?