Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Naataan Daawitiin, «Rabbi waan si woliin jiruuf waan garaa kee keessatti yaadde godhi» jedheen.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:3
14 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Garuu Saadooq gadichinii fi Banayaas ilmi Yoodaahe'ee, Naataan raattichi, Saamiin, Reesiinii fi loltoonni jajjabaan Daawitii Adooniyaasiin woliin hin turre.


Isiin haga gaara Qarmeloosiititti nama Rabbii bira dhaxxe gad jettee luka isaa qabatte; Giyaaz garuu isii dhoogguu barbaade; namni Rabbii, «Dubartiin tun guddiftee waan gadditeef dhiisiin; waan kana Rabbi natti hin himne na jalaa dhosse» jedheen.


Daawiti Solomooniin «Ilma kiyya; ani mana woyyuu Rabbiif ijaaru'uuf garaa kiyya keessatti yaadee ture;


Mootichi Daawiti lafaa ka'ee dhaabatee «Isiin baniin kiyyaa fi obboleewwan kiyya na dhagayaa'a; saanduuqa waadaa Rabbiitii fi mana Waandhi keenna hara itti baafatu ijaaru'uuf yaadee waan ijaarsa manaatiif barbaachisu qopheesse.


Seenaan mooticha Daawitii jalqabaa haga dhumaa kitaaba seena'aa ka raattonni sadihii Saamu'eel, Naataanii fi Gaad barreessan keessatti argama.


Mootichi Hisqiyaas karaa Naataanii raattichaatii fi Gaadii raattichaatiin seera mooticha Daawititti kennee fi ka mootichi Daawitillee hujii irra oolche hordofee meeshaa sagalee guddaa kennu ka faaru'uutiin, meeshaa shaka shaka jedhuu fi worra Leewwotaa ka Masiinqoo dhawu'uun leenji'an mana woyyuu keessatti ramade.


Hawwii garaa keetii sii haa kennu; fedha kee maraa sii haa raawwatu.


Rabbitti gammadi; Inni fedha garaa keetii maraa sii kennaa.


Dibanni isin Kiristoosiin irraa argattan isin irra jira. Eennullee isin barsiisuu hin barbaachisu. Haa ta'uu ammo dibanni Ayyaanaa waa maraa akka isin barsiisu, dhugaa akka ta'ee fi akka soba hin taane akkuma isin barsiisan sanitti isaan jiraadhaa'a!


Hennaa malkanni akkanaa kunniin ta'u Rabbi waan si woliin jiruuf waan hojjachu'uuf taatu maraa hojjadhu.


Namichi meeshaa woraanaa isaa baate Yoonaata'aan, «Waan barbaadde maraa godhi; anillee onnee kiyya guutu'uun si woliin jiraa» jedheen.


Rabbi garuu Saamu'eeliin «Fuula isaatii fi dheerinna hojjaa isaa hin laalin; akka namni itti laalutti Rabbi waan hin laalleef isa tuffadheera» jedheen. Namni fuula laala; Rabbi ammo keessa garaa namaa laala» jedheen.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ