Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:2 - Kitaaba Woyyuu

2 Achiin maayessa mootichi Naataanii raattichaan «Ani kunoo mana muka birbirsaatiin ijaarame keessa jiraadha; saanduundhi waadaa Rabbii ammo daasee keessa jiraata!» jedheen.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:2
24 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ooriyoonillee, «Namoonni Israa'eliitii fi Yihuuda'aa hulee lolaa lafa badhaa keessatti quphataniiran; saanduundhi waada'aallee goom'ee keessa isaan bira jira; ajajaan loltoota kiyyaa Iyyoo'aabii fi ajajoonni loltoota isaallee dirree lolaa irratti quphataniiran; ani attamitti nyaadhee dhugee haadha manaa tiyya woliin ciisuu danda'a? waan akkanaa kana sirimaa akka hin goone lubbuu teetiin kakadha» jedhe.


Rabbi Naataanii raatticha gara Daawitii erge; Naataan gara Daawitii dhaqee, «Namoota lamaan qachaa tokko keessa jiraatantu ture; isaan keessaa tokko dureessa; tokko ammo hiyyeessa ture.


Mootiin Xiiroosii Kiraam hojjattoota, muka birbirsaa, ogeeyyii mukaa, worra dhaga'aan mana ijaaran ergee Daawitiif mana ijaaran.


Saanduuqa waadaa Rabbii fidanii, daasee Daawiti qopheesseef hulee dallawame kaayan; Daawitillee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa Rabbiin afo'otti dhiyeesse.


Akkuma dubbii kanaatiif mudhata maraan Naataan Daawitii ibse.


Uduma isiin waan kana mootichatti dubbattu, Naataan raattichi isii duubaan seene.


Garuu Saadooq gadichinii fi Banayaas ilmi Yoodaahe'ee, Naataan raattichi, Saamiin, Reesiinii fi loltoonni jajjabaan Daawitii Adooniyaasiin woliin hin turre.


Azaariyaas ilmi Naataanii bulchaa worra baallii qabaniiti; ilmi Naataanii Zaabuud ka mootichaa gorsa kennuu fi goshoo mootichaati.


Abbaan kiyya Daawiti, «Maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiif mana ijaaru'uuf yaade.


Mootichi Xiroosii Kiraam akka mana Daawitii ijaaraniif worra muka birbirsaa bocuu fi ogeeyyii muka bocan ergamtoota woliin gara Daawitii erge;


Saanduuqa waadaa Rabbii qabatanii dhufaniinii daasee Daawiti qopheesseef keessa kaayan; achiin maayessa ciincaa ciincawuu fi ciinaa fayyumma'aallee Rabbii dhiyeessan.


Daawiti Solomooniin «Ilma kiyya; ani mana woyyuu Rabbiif ijaaru'uuf garaa kiyya keessatti yaadee ture;


Seenaan mooticha Daawitii jalqabaa haga dhumaa kitaaba seena'aa ka raattonni sadihii Saamu'eel, Naataanii fi Gaad barreessan keessatti argama.


Saanduundhi waadaa Rabbii garuu hennaa mootichi Daawiti Qiriyaati'aarimii fidee daasee Yerusaalemiin keessatti qopheesse keessa taa'a'aa ture.


Mootichi Hisqiyaas karaa Naataanii raattichaatii fi Gaadii raattichaatiin seera mooticha Daawititti kennee fi ka mootichi Daawitillee hujii irra oolche hordofee meeshaa sagalee guddaa kennu ka faaru'uutiin, meeshaa shaka shaka jedhuu fi worra Leewwotaa ka Masiinqoo dhawu'uun leenji'an mana woyyuu keessatti ramade.


Seenaan Solomoonii ka biraa jalqabaa irraa haga dhumaa seenaa raatticha Naataanii raaga raatticha Akiyaa nama Seelo'otti dhalateetii fi wonti Iyyoorbi'aamii mootii Israa'eliillee mudhata raatticha Ido'oo irratti argama.


Akka inni Rabbii kakate, akka inni Waaqa Yaaqoobiitii akkana jedhee woreega qabe,


«Haga Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaarutti hara hin baafadhu» jedhe.


saanduuqa gara hulee bulti'ii seensise; golga isa dhossu itti godhee saanduuqa raga'aa golge.


«Banii kiyya! manni kiyya uduu diiggamee jiru isin ammo mana keessan ka bareede keessa jiraachuun keessan kolbaa?


Darasoonni isaallee ka «Hinaaffaan mana keetii akka ibiddaa na guba» jedhamee barreeffame qaabatan.


Innillee Rabbiin afo'otti gaachena argatee Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaaru'uuf Rabbiin kadhate.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ