Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:12 - Kitaaba Woyyuu

12 Barri kee dhumatee hennaa duute ka gudeeda keetii bawu mootii taasisa; mootummaa isaallee hin jabeessa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:12
36 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kanaan maayessa Rabbi Abraamiin «Kun si hin dhaalu; finnuma kee ka gudeeda keetii bawutu si dhaala» jedhe.


Mootii ufii moosisee mootee kennaaf; ka ufii muude jaalala bara baraa itti mudhisa; Daawitii fi fiixaa isaatiif baraa haga bara baraa kana godha.


yoo kana hin taane, hennaa ati gooftaan keenna duutee abboota teennaan wolitti eda'amte, anii fi ilmi kee Solomoon akka nama cubbama'aatitti laallamna.»


Mootichi, ‹Uduu ani lubbu'uun jiru Rabbi Waandhi Israa'elii ka adha mootummaa kiyya dhaalu naa kenne galanni haa gawu!› » jedhe.


Daawiti hennaan du'u geennaan akkana jedhee Solomooniin gorse,


Daawiti du'ee qachaa ufii Yerusaalemiin keessatti awwaalame;


Akkuma dura Rabbi na abdachiise ‹Ijoolleen tee yoo seera kiyya eegan, yaada qulqullu'uun, garaa qulqullu'uu fi dhuga'aan yoo na faanaa deeman, teessoo mootummaa Israa'elii irraa fiixaan kee hin citu› jedhe akka raawwatamuuf.


Rabbi akkuma abbaa kiyya Daawitiin ‹ilmi kee ka ani bikka kee teessoo mootumma'aa kee irra kaawu maqaa kiyyaaf mana woyyuu naa ijaara› jedhee dubbatetti ani Rabbii Waaqa kiyyaa mana ijaaruu yaada.


Rabbiin guyyaa banii kiyya Israa'eliin biyya Misirii keessaa baasee jalqabee maqaan kiyya akka achitti waamamuuf mana akka naa ijaaraniif qachaa Israa'elii keessaa qachaa takkallee hin filanne; amma garuu akka maqaan kiyya isii keessatti waamamuuf Yerusaalemiin filadheera,


Garuu ilma kee ka gudeeda keetii bawutu maqaa kiyyaaf mana ijaara malee ati mana naa hin ijaartu.» jedheen.


«Rabbillee waan dubbate hin raawwate; akkuma abdii abbaa kiyyaa inni kenne bikka abbaa kiyya Daawitii teessoo mootummaa Israa'elii irra taa'ee maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiin mana ijaare.


akkuma ani abbaa kee Daawitiin ‹fiixaa tee keessaa nama Israa'eliin bulchu hin dhabdu› jedhee dubbadhe teessoo mootummaa keetii baraa haga bara baraa jabeessee dhaaba.


Rabbi garuu tanaan dura karaa garbicha ufii Daawitiitiin akka fiixaa isaa keessaa mootii isa hin dhabsiifne waan abdii kenneefii tureef biyya Yihuuda'aa balleessuu hin barbaanne.


Hennaa umuriin kee gayee abboota teetitti eda'amu'uuf taatu, fiixaa kee keessaa siin maayessa nama fiixaa keetii ta'u kenna, mootummaa isaallee hin jabeessa.


Yaa Rabbi Waaqa kiyya! jecha abdi'ii ka abbaa kiyyaa kennite raawwadhu; kunoo ati banii laakkobsaa ol ta'ee laakkayamuu hin dandeenne kana irratti na moosifteerta;


Daawitii fi ijoolleen isaa biyya Israa'elii irratti baraa haga bara baraa akka mooyan Rabbi Waandhi Israa'elii waadaa hin diiggamne ka sooqiddaatiin akka waadaa gale hin beettanii?


Rabbi garuu mootummaa Daawitii balleessuu hin barbaanne; wonti kun ta'eef Rabbi waan armaan dura Daawitii waadaa galeef fiixaan Daawitiillee uduu adda hin cinne akka mooyan Rabbi waan abdii isaa kennee tureef.


Gumiin maruu mana woyyuu Rabbii keessatti mooticha woliin waadaa galan; gadichi Yoodaaheen bani'iin «Rabbi akkuma waan ijoollee Daawitii dubbatetti ilmi mootichaa hin mooya.


Waadaa abbaa kiyya Daawitii kennite jabeessitee waan isatti dubbatte maraa raawwatteerta.


Garuu ilma kee ka si irraa dhalatutu mana naa ijaara malee ati mana naa hin ijaartu» jedheen.


Fiixaa isaa baraa haga bara baraa; teessoo isaa haga umurii samiiwwaniititti jabeessa.


Bara san fiixaan Isseyii bani'ii malkata ta'ee dhaabata; mootonni gara isaa dhufan; huleen itti hara baafatullee kabajjamaa ta'a.


Badhinni mootummaa isaa; guddinni nagaya isaa daangaa hin qabu; ammaa jalqabee haga bara baraa mootummaa ufii haqaa fi balchumma'aan hundeessa; irkisee qabee jabeessa; teessoo Daawitii irra taa'a; biyya maraa hin bulcha; hinaaffaa Rabbii Gooftaa banii maraatitu kana godha.


Mootiin Israa'eliin irratti mooyu fiixaa Daawitii keessaa sirima akka hin dhabamne ani Rabbi dubbadheera.


Worri du'anii lafa jala jiran maruu hin ka'an; isaan keessaa gariin yoo gara jireenna bara baraa seenan gariin gara saalaa fi salphinna baraa haga bara baraa ergaman.


Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii fiixaa Abrahaamiitii fi fiixaa Daawitii kana.


Inni guddaa ta'a; Ilma Rabbii maraa olii jedhama. Waandhi Gooftaan teessoo Abbaa isaa ka Daawitii hin kennaaf.


Raattota maraaf Muusee irraa jalqabee waan isaa ka kitaabban maraa keessatti barreeffame isaanii hiike.


Daawitillee bara ufiititti haga fedha Rabbii tajaajileen maayii du'ee, abbooti'iin wolitti eda'amee shame.


Raaga waan ta'eef teessoo irra akka kaayu Rabbi kakuu akka kakateef waan beekeef.


Mee dhossaa tokko isinitti hima. Nu maruu hin duunu; haa ta'uu ammo yoo xurumbaan maayessaa afuufame nu maruu akkuma tasaa haga limsuu ijaatitti hin jijjiiramna,


Rabbi Muuse'een, «Dhiyoma kanatti duuta haga ati duuteen maayessa baniin worra naa hin ajajamne ta'an; waadaa ani isaan woliin gale dhiisanii biyya dhaalu'uuf itti galan sanitti waaqa tolfamaa worri Amoorotaa waaqeffatan sanii sagadan.


Yesuus akka du'ee fi akka du'aa ka'e yoo amanne, akkasuma worra Yesuusitti amananii du'an, Rabbi gara ufii waan isaan fiduuf.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ