Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:1 - Kitaaba Woyyuu

1 Mootichi Daawiti waan Rabbi diintota naannoo isaa jiran maraa irraa isa eegeef mana mootummaa ufii keessatti sodaa malee jiraate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7:1
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Adeemsi namaa yoo Rabbiin gammachiise; diintota isaatuu akka isa woliin nagayaan jiraatan taasisa.


Amma Rabbi Waandhi kiyya biyya naannoo kiyya jiru maraa nagaya kenneera; diintonni amma rakkoo na irra geessan hin jiran.


Qachaa Yihuuda'aa marattuu dallawa ijaare; Rabbi waan hara baafata isaa kenneef lafti nagayatti tarte; bara san namni isaan lolu hin jiru ture.


Bara hedduun maayessa akkana ta'e; haga Rabbi Israa'eliin diintota naannoo isaanii jiran maraa irraa isaan hara baafachiiseen maayessa, hennaa Iyyaasuun nama guddaa ta'ee jaaretti,


Akkuma Rabbi abboota isaaniitii kennu'uuf kakate waan naannoo isaanii jiru maraa irraa hara isaan baafachiise; diina isaanii keessaa namni isaan mooyatu hin argamne; Rabbi diintota isaanii maraa harka isaanii jala galche.


Innillee Rabbiin afo'otti gaachena argatee Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaaru'uuf Rabbiin kadhate.


Sababaa kanaaf Meelkool intalti Saa'olii uduu finna hin deenne duute.


Mootiin Xiiroosii Kiraam hojjattoota, muka birbirsaa, ogeeyyii mukaa, worra dhaga'aan mana ijaaran ergee Daawitiif mana ijaaran.


Daawiti ilma ufii Solomooniin waamee Rabbii Waaqa banii Israa'eliitiif mana woyyuu akka ijaaru ajaje.


Daawiti Solomooniin «Ilma kiyya; ani mana woyyuu Rabbiif ijaaru'uuf garaa kiyya keessatti yaadee ture;


Mootichi Daawiti lafaa ka'ee dhaabatee «Isiin baniin kiyyaa fi obboleewwan kiyya na dhagayaa'a; saanduuqa waadaa Rabbiitii fi mana Waandhi keenna hara itti baafatu ijaaru'uuf yaadee waan ijaarsa manaatiif barbaachisu qopheesse.


Kanaaf Iyyoosaafixi nagayaan biyya bulche. Rabbillee karaa maraanuu nagaya isaa kenne.


«Haga Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaarutti hara hin baafadhu» jedhe.


Ka saantibii worqi'ii kuma shan fudhate yoma san ittiin daldalee saantibii worqi'ii kuma shan bu'aa keessaa buufate.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ