4 Daawiti hennaa mooyuu jalqabu ka'ima woggaa soddomaa ture; inni woggaa afurtama mooye.
Yooseef hennaa mootii biyya Misirii Fari'ooniin woliin hojjachuu jalqabu nama woggaa soddomaati; Yooseefillee Fari'ooniin biraa bayee biyya Misirii maraa keessa deeme;
Daawiti Israa'eliin woggaa afurtama bulche; Keebroonitti woggaa torba, Yerusaalemitti woggaa soddomii sadihii bulche.
Yisiyaan manniin abboota isaa keessaa bulchaa worra Keebroonii ture; Daawiti mooyee woggaa afurtameesso'ootitti galmee seena'aa keessa yoo barbaadan namoota jajjabaa Iyyaazeerii Gala'aadii keessaa galmee seena'aa san keessatti argan.
Barri inni worra Israa'elii irratti mooye woggaa afurtama; woggaa torbaa Keebroonitti, woggaa soddomii sadihii Yerusaalemiin irratti mooye.
Kunniin maruu hennaa inni Keebroonitti woggaa torbaa fi ji'a jahaa bulche dhalataniif. Daawiti Yerusaalemiin keessa taa'ee woggaa soddomii sadihii bulche.
Worra woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru, worra hojjachu'uuf dandeettii qaban daasee wol gayi'ii maraa keessaa wolitti eda'i.
Yesuus hennaa tajaajila jalqabu umuriin isaa woggaa soddoma ture. Baniin Yesuusiin ilma Yooseefii seeya; Yooseefiin kun ilma Eeli'iiti.