Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 5:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Jaarsonni Israa'elii maruu gara Keebroonii gara mooti'ii dhufan; mootichi Daawiti Keebroonitti afoo Rabbiititti isaan woliin waadaa gale; Israa'eliin irratti mootii akka ta'u Daawitiin muudan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 5:3
16 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kanaan maayessa namoonni Yihuuda'aa dhufanii akka mana Yihuuda'aa irratti moowu achitti Daawitiin dibanii moosisan; Saa'oliin namoota qachattii Iyyaabisii Gala'aadiititu awwaale jedhanii Daawititti himan.


gooftaan keessan Saa'ol du'eera; amma cimaa'a! jabaadhaa'a! manni Yihuuda'aa isaan irratti akka mootii ta'u dibanii na moosisaniiran.»


Gaafasuma Abaaneerillee Daawitiin «Ka'ee haa deemuu si woliin waadaa akka godhan, haguma qalbiin tee jaalatte maraa akka bitu Israa'elii maraa mootii gooftaa kiyyaaf wolitti haa qabuu» jedheen; Daawitillee Abaaneeriin nagayaan geegesse.


Achitti Saadooqi gadichinii fi Naataan raattichi banii Israa'elii irratti mootii godhanii haa muudanii, xurumbaa afuufa'aa, ‹Solomoon woggaa kumaa haa moowu› jedhaa'a.


Yoodaaheen mootichinii fi baniin akka banii Rabbii ta'an Rabbiin woliin akka waadaa galan taasise, akkasuma mootichinii fi baniinillee akka wolii waadaa galan godhe.


Worri Israa'elii maruu Keebroonitti gara Daawitii dhaqanii «Nu maruu fira kee ka dhiigaati;


Haala kanaan jaarsonni biyya Israa'elii maruu Keebroonitti Daawitiin bira dhaqanii, Daawitillee Keebroonitti Rabbiin afo'otti isaan woliin waadaa gale. Akkuma Rabbi Saamu'eelitti hime akka inni banii Israa'elii irratti mootii ta'uuf Daawitiin moosisan.


Rabbi Waandhi Israa'elii garuu baraa haga bara baraa worra Israa'elii irratti mootii akka ta'uuf mana abbaa kiyyaa keessaa na filate; Yihuudaallee akka bulchaa ta'u filate; mana Yihuuda'aa keessaa mana abbaa kiyyaa filate; ijoollee abbaa kiyyaa keessaa mana Israa'elii irratti na moosiu'uuf na filate.


Yoodaaheen gadichi, mootichi Iyyoo'aasii fi baniin maruu banii Rabbii ta'anii akka woyyumma'aan jiraatan waadaa seensise.


Waan ta'e kana maraafuu nu seera wolii galte'ee barreessina; bulchoonni, Leewwonni teennaa fi gadoonni teenna chaappa'aan mirkaneessan.


Ka'iitii jaarsota Israa'elii wolitti qabii Waandhi abboota teessanii Waandhi Abrahaamii, Waandhi Yisaaqiitii fi ka Yaaqoobii «Ani isin argeera; waan biyya Misiriititti isin irra gayellee argeera.


Kanaan maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu Adoolaamii gara Keebroonii dhaqanii isii dhayanii qabatan.


Yooftaaheen Manguddoota Gala'aadii woliin deeme; baniinillee uf irratti isa moosise; Yooftaaheen biyya Mitsipha'aatitti dubbii kana maraa Rabbiin afo'otti dubbate.


Baniin maruu gara Gelgela'aa dhaqanii achitti Saa'oliin Rabbiin afo'otti moosisaniin; achitti ciincaa fayyumma'aa Rabbii dhiyeessan; Saa'olii fi baniin Israa'elii maruu guddisanii gammadan.


Saamu'eel buuchoo sayiti'ii fuudhee obboleewwan isaa jiddu'utti isa muude; guyyaa san irraa jalqabee Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan Daawitiin irratti bu'e; Saamu'eel ka'ee gara Raama'aa dhaqe.


Isaan lachuu waadaa wolii galanii Yoonaataan gara mana ufii deebi'e; Daawiti ammo bosonumatti hafe.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ