Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 5:2 - Kitaaba Woyyuu

2 Durumaanuu Saa'ol nu irratti mootii ta'ee uduu jiru Israa'eliin situ baasee galcha'aa ture; Rabbillee «Ati banii kiyya Israa'eliin hin eedda; Israa'eliin irrattillee bulchaa taata siin jedhee ture» jedhaniin.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 5:2
27 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Haa ta'uu ammo woraanni isaa inuma jabaate; irreen isaallee irree jabaa Waaqa Yaaqoobii ka isa tissuun jabaate.


Daawitillee Meelkooliin, «Rabbiin afo'otti shubbiseera; banii Israa'elii akka bulchu abbaa keetii fi mana isaa caalaa Rabbiin na filate ka eebbifame haa ta'u; kanaafuu Rabbiin afo'otti uf salphisa.


Ijoollee Israa'elii maraa woliin hulee gaye maratti maaf mana muka birbirsaatiin naa hin ijaarre jedhee banii Israa'elii akka bulchaniif bulchoota filadhe keessaa namni gaafadhe hin jiraa?


kanaafuu garbicha kiyya Daawitiin Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha jedhii itti himi; ‹ani hulee ati hoolota tissituu si fuudhee bulchaa banii kiyya ka Israa'elii si taasise;


«Deebi'iitii bulchaa banii kiyyaa Hisqiyaasiin akkana jedhi ‹Rabbiin Waandhi abbaa kee ka Daawitii akkana siin jedha; kadhaa kee dhagayeera; imimmaan keellee argeera; si fayyisa; guyyaa sadihiin maayessa gara mana woyyuu Rabbii ol baata.


baroota darbe keessa Saa'ol hennaa mootii ta'ee jiru ‹situ banii Israa'elii duulaaf bobbaasa; banii kiyya banii Israa'elii situ bulchaa; situ masakkalle'e› jedhee Rabbi Waandhi kee sitti himeera» jedhaniin.


akka banii kee akka misha'atti bulchuu danda'u beekumsaa fi ogummaa naa kenni; yoo kana hin taanee banii guddaa kana eentu bulchuu danda'a?» jedhee deebiseef.


Tika ufii akkuma tisse'eetitti bobbaasa; ilmoolee irree ufiitiin wolitti qaba; ammuu keessatti isaan qaba; worra hoosisanillee seerumaan isaan masakka.


Ani isa banii maraafuu ragaa'a, masakka'aa fi bulchaa taasiseera.


Ani mootii akka Daawitii tajaajilaa kiyyaa isaanii moosisa; inni kunuunsee isaan tissa.


Inni hunna Rabbiitiin ka'ee tika hoolotaa bobbaasa; inni wonti kana godhuun gaachena maqaa Rabbii Waaqaatiin, inni amma haga daangaa lafaa waan jabaa ta'uuf isaan sodaa malee hollatan.


‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! ati qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa horoma hin diqqaattu; Sababaan ka banii kiyya Israa'eliin bulchu, Bulchaan si keessaa waan dhalatuuf›»


«Tisseen mishaan ana. Tisseen mishaan hoolota ufiitiif lubbuu ufii dabarsee kenna.


Ijoollee hedduu gara ulfinnaa yoo fidu hundee fayyinna isaanii rakkinnaan raawwatu'uuf sababaa isaatiin maruu isumaan ta'e; maruu isumaaf ta'e.


amma mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Rabbi nama akka yaada isaa ta'e filateera; ati waan Rabbi si ajaje waan hin eenneef Rabbi banii ufii irratti akka mootii ta'u nama biraa muudeera» jedheen.


Rabbi Saamu'eeliin «Saa'olii ani akka inni mootii hin taaneef tuffadhee haga yoomii bootta? Sayitii buucho'otti guuti; ani ijoollee isaa keessaa nama muudu qabaa gara Beeteel qe'ee worra Isseyii si ergaa» jedheen.


Kanaafuu Saa'ol uf biraa isa fageessee ajajaa loltuu kumaa taasisee isa erge.


Garuu waan inni isaan afo'otti baya'aa galuuf baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa maruu Daawitiin jaalatan.


Daawiti garuma Saa'ol isa erge maraa dhaqa; waan godhu maraa waan qalbi'iin godhuuf Saa'ol loltoota maraa irratti isa muude; wonti kun maruu banii, loltootaa fi ajajoota loltootaa maraa hin gammachiise.


Gooftaa kiyya! ati lola Rabbii waan loltuuf Rabbi dhugamaan mootummaa kee hin jabeessaa bara jireenna keetii maraa hammeenni si biratti hin argamin; yabo'oo cubbuu kiyya ka garbittii teetii dhiisiif.


Akkuma Rabbi abdii sii kennee waan mishaa maraa sii godhe, mootummaa Israa'elii irra si kaaya.


«Ani boru hennaa akkanaa kana nama gosa Biiniyaamii tokko gara kee ergaa booyicha banii kiyyaa waan argeef bulchaa banii kiyya ka Israa'elii akka ta'u naa muudda; inni banii kiyya Israa'eliin Filisxeemiin jalaa baasa» jedheenii ture.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ