9 Daawiti garuu ijoollee Reemoonii ka Bi'eerootaa Reekaabii fi obboleessa isaa Ba'aana'aa akkana jedhee deebiseef; «Lubbuu kiyya rakkoo maraa irraa ka fayyise Rabbiin jiraataan
Maleekkaan waan badaa jalaa na hambise, Isaanillee haa eegu. Isaan maqaa kiyya, maqaa abboota tiyyaa Abrahaamii fi Yisaaqiin haa waamamanii, horanii lafa irratti haa baay'atanii» jedhee isaan eebbise.
ilmi Saa'olii Iyyabuusteen bulchoota worra duuluu namoota lama qaba ture; maqaan tokkoo Ba'aana'a; maqaan ka lammeesso'oo Reekaab ture; ijoollee gosa Biiniyaamii keessaa ijoollee Reemooniititu ture; Bi'eerootillee akka gosa Biiniyaamiititti laakkayamti.
Mootichi maqaa Rabbii jiraataa lubbuu tiyya hambiseen kakadhaa,
Ka jireenna kee maraa boolla badi'ii irraa oolchu; ka jaalala bara baraatii fi gara laafummaa sii kennu;
Worra isaan jibban jalaa isaan oolche; harka diina isaanii jalaa isaan hambise.
Worri Rabbi fure; ka diina harkaa isaan oolche kana haa jedhanii,
Worri balchaan Rabbitti iyyatan; innillee isaanii dhagaye; rakkoo maraa keessaa isaan baase.
Rabbi tajaajiltoota ufii jireennaan isaan jiraachisa; ka isa irkoo godhate itti hin murtaayu.
Natti dhiyaadhuu na oolchi; diintota tiyya jalaa na furi.
Hennaa ani faaruu sii dhiyeessu; afaan kiyya galataan guuttama; lubbuun tiyya ta ati furtellee hin ililfatti.
Akkuma lubbuun tee ana biratti ulfinna argatte lubbuun tiyyallee Rabbiin biratti ulfinna haa argattu; Rabbi rakkinna guddaa keessaa na haa baasu!» jedhe.