9 Rabbi mootummaa mana Saa'olii irraa fuudhee teessoo Daawitii Israa'elii
Amisaayiin, «Ati lafee tiyyaa fi foon kiyyaa mitii? Bara jiraattu maraa bikka Iyyoo'aabii na afo'otti yoo bulchaa loltootaa ta'uu baatte Rabbi waan kana na irratti haa raawwatu» jedha'aanii.
Yaada namoota Yihuuda'aa maraa akka yaada nama tokkoo godhee gara ufii deebifate; gara mootichaallee dhaamsa erganii «Ati loltoota hojjattoota kee maraa woliin deebi'i» jedhaniin.
Achiin maayessa Baniin maruu, «Uduu aduun hin dhiine Daawitiin waa haa nyaatu'uuf waaman; Daawiti garuu aduun uduu hin seenne buddeena yookaan waan biraa yoo afaaniin qabe Rabbi kana na irratti haa godhu; kanallee natti haa eda'u!» jedhee kakate.
Eelzaabeelillee «Boru hennaa tana anillee waan ati raattota san irratti goote yoo si godhuu baadhe, waaqoleen kiyya na haa ajjeesan!» jettee dhaamsa gara Eeliyaasii ergite.
Kanaan maayessa Solomoon «Yoo ani Adooniyaasiin ajjeesuu baadhe, Rabbi na hin dhiisin!» jedhee kakate.
Hennaa Daawiti Keebrooniin keessa jiru loltoonni leenji'an baay'een loltoota Daawitiititti eda'aman; akkuma Rabbi abdii isaa kenneetitti akka bikka Saa'olii moowu gargaarsa guddaa godhaniif.
Hulee ati duututti du'a, hulee ati itti awwaalamtuttillee hin awwaalama, du'aa achitti wonti si irraa na fooyu yoo jiraate Rabbi waan hamaa natti haa fidu!» jette.
Saa'ol «Rabbi natti haa murteessu; ati adabbii du'aa jalaa hin baatu!» jedheen.
Saamu'eel Saa'oliin, «Rabbi adha mootummaa kee ka ati Israa'eliin irraa qabdu biinxee nama sirra woyya'aa ka ollaa keetiitii dabarsee kenne.
Uduu lafti hin bariine namoota isaa maraa keessaa dhiira maraa yoo ani hin ajjeefne Rabbi na haa ajjeesu!» jedhe.
Rabbi akkuma dura karaa kiyyaan sitti dubbate mootummaa si harkaa fuudhee firticha kee Daawitiif kenneera.
Inni «Wonti Rabbi sitti hime maali'i? na hin dhossin waan inni sitti hime maraa keessaa yoo na dhossite, Rabbi guddisee si haa adabu» jedheen.