Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 3:1 - Kitaaba Woyyuu1 Mana Daawitiitii fi mana Saa'olii jiddu'utti bara hedduuf lolli ta'e; manni Daawitii jabaata'aa, manni Saa'olii ammo dadhaba'aa deeme. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Ijoolleen Daawitii biyya Keebrooniititti dhalatan kanniin fa'a; ka hangafaa Aminoon; ka lammeesso'oo Daani'eelii Akinaahoomii gosa Iyiziraa'eelii irraa dhalate, ka sadeesso'oo Maayikaa intala mootii Geeshurii ka Talmaayiin irraa dhalate Abeseloom; ka arfeesso'oo Adooniyaasii Aagittiin deette; ka shaneesso'oo Shafaaxiyaa Abixaal deette; ka jaheesso'oo Yitirahaamii Eegilaan deette.
Haamaan haadha manaa ufii Zereshii fi jaalalloota ufii maraa waan isa irra gaye maraa isaanitti hime. Worri ogeeyyiinii fi haati manaa isaa Zereshillee, «Ka afoo isaatitti kufuu jalqabde kun Mardokiyoosii gosa Ayihuudotaa yoo ta'e sirima afoo isaatitti hin mooyatamta malee hin mooyattuun» jedhaniin.