Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 22:9 - Kitaaba Woyyuu

9 Lola inni loleen aarri lolaa isa keessaa baye, afaan isaa keessaa barbadaa ibiddaa ka nama gubutu baya; woramaxatu isa irraa ife.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 22:9
17 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Waandhi keenna dhugamaan ibidda balleessu waan ta'eef.


Dhukkubni isa afoo deema; balaan isa duubaan deema.


Lolli kiyya akka ibidda hin dhaamneeti; kanaafuu isin biyya ormaa keessatti akka garboota diintota keessanii taatan godha.»


Kanaafuu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana naan jedhe, «Ermiyaas! baniin waan akkana jedhanii dubbataniif dubbiin kiyya afaan kee keessatti akka ibiddaa ta'a; baniin akka qoraanii ta'ee ibiddi isaan guba.»


Kunoo maqaan Rabbii dheekkamsa bobayu, duumessa aaraa yabbaa woliin fago'oo dhufa. afaan isaa ka dheekkamsaan guuttame; arrabni isaallee ibidda nama nyaatu.


Yaa Rabbi! hennaa ati diintota kee xixxe, hennaa laagaa lolaa dhageessifte, lafti garba jalaa mudhate; hundeen lafaallee hin mudhate.


Funyaan isaatii aarri lolaa baye; afaan isaatiillee arrabni lolaa ka ibiddaatii fi barbadaan nama gubu baye.


Isaan Hafuura Rabbiitiin badan Aarii lola isaatiin badan.


Lola Rabbiitiin Hafuura ibiddaa ka afaan isaatii bawuun galaanni yaa'u mudhate, bu'uurran adunya'aallee hin mudhatan.


Lolli kiyya akka ibiddaa; haga xiillaa asaabaa bobaya; waan lafa irra jiru maraa nyaata; hundee gaarraniillee hin guba.


gaara gubba'atti ijoollee Israa'elii duratti ulfinni Rabbii akka ibidda nama gubuutitti ture.


Waan Rabbi ibiddaan gaara Siina'aa irratti bu'eef gaarri maruu aara'aa ture; gaara kana keessaa waan akka aara dhagaa bobawuutitu baya'aa waan tureef gaarri maruu guddisee raafama ture.


Dur irraa jalqabee hulee itti guban ka Toofeet jedhamu qophaayeera; mootichaallee tolfameera; boolli itti bobeessanillee badha'aa fi gad fago'o; isa keessa ibidda gudda'aa fi qoraantu jira; Hafuurri Rabbii akka bisaan holata'aatitti guba.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ