4 Rabbii galanni barbaachisuuf waamadha; Inni diintota kiyya jalaa na oolcha.
Ani Rabbii galanni barbaachisu hin waamadha; diintota kiyya jalaallee hin baya.
Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame saniif hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.
«Ka maqaa Goofta'aa waamu maruu hin fayya.»
Inni gurra ufii gara kiyya waan qabeef; bara jiruu kiyyaa maraa Isa waamadha.
Rabbi waan guddaa ta'eef jajuun isa barbaachisa; waaqolee maraa irra sodaatamuu barbaachisa;
Rabbi gudda'a; qachaa Waaqa keennaatitti; gaara woyyuu irratti; galata gudda'atu ta'aaf.
«Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan.
Ani ciincaa galataa sii dhiyeessa; maqaa Rabbiillee hin waama.
Mijuu fayyinnaa ol kaasa; maqaa Rabbiillee hin waama.
Ani maqaa Rabbii waame; «Yaa Rabbi; akka lubbuu tiyya oolchitu si kadhadha» jedhe.
Waan hujii guddaa Rabbii eentu dubbachuu danda'a? galata isaa maraa hoo eentu dubbatee fixa?
Ulfinna maqaa isaatiif faarfadhaa'a; Isa jajuullee bareechisaa'a.
Gaafa ani si waamu, diintonni tiyya uf duuba deebi'an; kanaan akka Waandhi na ladda dhaabate beeka.
Ani garuu Rabbiin waamadha; Rabbillee na oolcha.
Hennaa rakko'oo na waami; si oolchaa atillee na kabajjitaa.»
Rakkataan kun iyyee kadhate; Rabbillee hin dhagayeef; rakkoo maraa keessaa isa baase.
Worri Leewwotaa Iyyaasuu, Qadimi'eel, Baanii, Asabaaniyaa, Sarraabiyaa, Hoodiyaa, Sabaniya'aa fi Fattaayaan akkana jedhan. «Dhaabadha'aatii Rabbii Waaqa keenna ka bara baraa eebbisaa'a, maqaan kee ka ulfinna, eebbaa fi galata maraa irra ol ol jedhe haa eebbifamu! jedhaa'a» isaaniin jedhan.
Hennaa faaruu faarfatanii Rabbiin galatoonfatuu jalqaban ijoollee Amooniitii fi ijoollee Moo'aabii ta gaara Seeyirii irraa dhufanitti loltoota dhossa'aan isaanitti fidee isaan dhaye.