Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 22:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Rabbi Tissee kiyya waan ta'eef isa abdadha; Rabbi wontee kiyyaa fi gargaaraa kiyya; irkoo kiyyaa fi hulee ani itti dhokadhu; fayyisaa kiyya; ati hammeenna jalaa na oolchita.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 22:3
52 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Waan kanaan maayessa Rabbi Abraamiin, «Abraamii kiyya! hin sodaatin; ani wontee keetii, guddisee si eebbisa» hennaa jedhu manaaba keessa dhagaye.


Karaan Rabbii qulqullu'u, Dubbiin isaa adda, Worra isa amanatan maraaf inni wonte'e.


Rabbi jiraata'a, tissee kiyya eebbifama'a. Waandhi tisseen kiyya ka na fayyise haa kabajjamu


Diintota kiyya jalaa ka na oolchu isa worra naa ol ta'an irra na aansita, nama hamaa jalaallee na oolchita.


Mootii ufii moosisee mootee kennaaf; ka ufii muude jaalala bara baraa itti mudhisa; Daawitii fi fiixaa isaatiif baraa haga bara baraa kana godha.


Waandhi Israa'elii natti dubbateera ka Israa'eliin eegu akkana naan jedhe. namni qajeellumma'aan bulchu, ka sodaa Rabbiitiin moowu,


Isin karoora hiyyeeyyi'ii balleessuu barbaaddan; Rabbi garuu irkoo isaaniiti.


Yaa Rabbi! namoota hammeeyyii jalaa na oolchi; namoota hammeeyyii irraa na eegi.


Worri sobaan nama himatan sirimaa lafa irra dhaabatan hin qabaatin; wonti hamaan worra waan hamaa hojjatan irra haa gawu; isaan haa balleessu.


Yaa Rabbi! hunna worra hama'aa jalaa na eegi; worra dhibaa na kuffisu'uuf karoorfatan jalaa na eegi.


Gara mirgaa laalee ka na beeku dhabe; hulee itti dhokadhu hin qabu; ka waan lubbuu tiyyaa yaadu hin jiru.


Rabbi eeddoo kiyyaa fi hedannoo kiyya; hulee jalatti dhokadhu; inni fayyisaa kiyya; isa hedadhee nagayaan jiraadha; inni banii kiyya luka kiyya jala taasisee na jalatti isaan bulcha.


Rabbi anaaf dhagaa qarsa'aati; Inni irkoo kiyyaa fi ka na oolchu; Waandhi kiyya dhagaa qarsa'aa ka ani itti dhokadhu; Inni wontee kiyya; gaafa diina kiyya uf irraa dhoogguunii fi dawoo kiyya.


Inni hennaa rakko'oo; gaaddisa ufii jalatti waan na dhossuuf; mana woyyuu ufii keessatti na dhossa; dhagaa qarsa'aa irra na dhaaba.


Rabbi hunna kiyyaa fi wontee kiyya; inni waan na gargaaruu fi waan na gammachiisuuf isa hedadha; garaan kiyyallee hin usheexxa; faaruu kiyyaanillee isa galatoonfadha.


Yaa Rabbi! ati garuu wontee naannaya kiyya golgu; ati anaaf ulfinna; ka ol na qabullee si'i.


Ati kushee kiyya; waan hamaa jalaa na eedda; ka na marse jalaa waan na baafteef gammachuu gudda'aan si faarsa.


Rabbi irkoo keennaa fi hunna keenna; hennaa rakkoon nu irra gayu maraa gargaaraa keenna.


Gooftaan banii maraa nu woliin jira; Waandhi Yaaqoobii irkoo keenna.


Kanaafuu yoo lafti sochoote, yoo gaarranillee bisaaniin liqimfaman hin sodaannu;


Waandhi banii maraa nu woliin jira; Waandhi Yaaqoobii irkoo keenna.


Yaa Rabbi! ati balchoota hin eebbifta; gaachena keetiinillee akka wonte'eetitti isaan daadofta.


Yaa Gooftaa'a! dharaa fi raafama waan qachattii keessatti argeeruuf bitaa isaanitti taasisi; afaan isaaniillee wol jala dabarsi.


Ani garuu waan hunna keetiitiif faarfadha; ganamaan waan ulfinna keetii faarfadha; ati irkoo kiyya; gaafa rakkinnaa dawoo kiyya waan taateef.


Ati irkoo kiyya; dhagaa jabaa diina kiyya jalaa itti daadayadhu waan naa taateef.


Baay'e'etu ija baasaatiin na laale; Ati ammo dawoo kiyya jaba'a.


Jiruu isaanii cunqursa'aa fi daba jalaa oolcha; dhiinni isaanii isa afo'otti kabajjama'a.


Rabbi Waandhi adu'uu fi wontee waan ta'eef; Rabbi gaachena fi ulfinna namaa kenna; Rabbi worra qajeellumma'aan jiraatan; waan mishaa isaan hin dhooggatu.


Waandhana! wontee keenna nuu laali; ka muuddellee laali.


Waandhana! worri uf tuulu natti ka'aniiran; gumiin worra dhiba'aa lubbuu tiyya barbaadan; sillee womattuu hin laakkofne.


Worri maqaa kee beekan maruu si abdatan; Yaa Rabbi! ati worra si barbaadan waan hin dhiifneef;


Rabbi worra gad qabamanii dawo'o; worra rakkatanii irko'o.


Hunninii fi faaruun kiyyallee Rabbiif; inni qoricha naa ta'e Inni Waaqa kiyyaa hin galatoonfadhaan; Inni Waaqa abbaa kiyyaallee waan ta'eef ulfinna kennaaf.


Maqaan Rabbii akka gamoo jaba'aati; balchaan gara isaa fiigee itti daadayata.


«Dubbiin Rabbii maruu mudaa hin qabu; inni worra isa abdatan maraafuu wonte'e.


Kunoo Rabbi fayyinna kiyya; isa abdadha; hin sodaadhulle'e; Rabbi Gooftaan jajjabeennaa fi faaruu kiyya; fayyinna naa ta'eera»


Namni maruu ka qilleensa itti daadayatan; ka kirfaffuu jalaa itti irkatan ta'a; lafa gammoojji'iititti akka burqaa bisaanii; lafa godde irratti akka gaaddisa dhagaa gudda'aa ta'a.


Ati hajaa tee dhiyeeffadhuu himadhu; worri dur waan kana dubbatan wol gayanii haa mari'atanii; ka dur dubbate eennu? ani Rabbi hennaa san hin jiruu? ana malee Waandhi balchaanii fi fayyisaan hin jiru.


Yaa Rabbi! ka na eeguu fi ka na jabeessu si'i; ati hennaa rakko'oollee irkoo kiyya; baniin daangaa lafaatii sitti dhufanii akkana siin jedhan; «Abboonni teenna ta durii waaqolee tolfamaa sobaa malee womaa hin qaban; waaqoleen tolfamaan isaanii maruu duwwa'a; womaa hin fayyadan.


Waan ani Waandhi banii maraa Gooftaan Israa'elii siin jedhu dhagayi; bara ufii jirtu kana keessatti laagaan gammachu'uutii fi ka burraaqu'uu, laagaan cidhaatii fi ka cidhaa akka hin dhagayamne godha.


Garaan kiyyallee Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.


Bara durii irraa jalqabee afaan raattota woyyootaatiin akkuma dubbate, fiixaa Daawitii keessaan fayyisaa jabaa nuuf kaaseera.


Worra diina keenna ta'anii nu jibban maraa irraa nu fayyisa.


Innillee akkana jedha ‹Waandhi tolfamaan isaanii meeti? waaqoleen tolfamaan isaan abdatan meeti? waandhi tolfamaan isaan itti amanan meeti?


«Inni Waaqa; hujiin isaallee guutu'u. Karaan isaa maruu qajeela'a. Waaqa amanamaa'a ka waan badaa hin qabne Inni Waaqa dhuga'aatii fi qajeela'a.


Yaa Isaa'el! ka akka keetii wontee gargaarsaa, guraadee moote'ee, fayyinna Rabbiin irraa baniin argate sirima hin jiru; ati ka akkam tolteef! diintonni tee hennaa si shelata'aa gara kee dhufan ati dudda isaanii keessa dhiitta;


Haa ta'uu ammo Rabbi qorichi keenna, arjumma'aa fi nama jaalachu'uun hennaa dhufe haga araara ufiitiin karaa dhiqata lammeessoo dhalatu'uutiif,


Ayyaana saniif qajeellee badhaadha isaatiin woyyoomnee abdii jireenna bara baraa dhaaltoota akka taanu, qorichi keenna Yesuus Kiristoos guddisee nutti jisse; dubbiin isaa amanama'a.


Sababa kanaaf maqaa kee obboleeyyan tiyyatti hin hima, amantoota jiddu'uttillee weeddu'uun si galatoonfadha. Akkasuma, «Ani isa hedadha» akkasuma, «Kunoo anii fi ijoolleen Rabbi naa kennellee obboleewwan jedhee isaan waamuu hin saalfatu.»


Haannaan, «Garaan kiyya Rabbitti gammade, ulfinnaan waan ol na qabeef waan inni na baraareef, ani diintota kiyyatti hin kolfa.


«Woyyuun akka Rabbii hin jiru, ka akka Waaqa keennaa qajeelaan hin jiru; si malee Woyyuun hin jiru;


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ