8 Ajajaan loltoota Saa'olii ilmi Neerii Abaaneer ilma Saa'olii Iyyaabustee fuudhee gara Mahannaayiimii ceesise;
Yaaqoob hennaa isaan arge, «Kunniin loltoota Rabbiiti» jedhee maqaa hulee sanii Manaayim jedhee itti baase.
Achiin maayessa gara obboleessa ufii gara Eesawu'uu biyya Eedoomii keessa hulee biyya Seeyir jedhamtutti ergamtoota ufii uf afoo ergee,
Abeseloomii fi worri Israa'elii hennaa galaana Yoordaanosii ceeyan Daawiti qachaa diqqoo Mannaayim jedhamtee waamamtu gayeera.
Abaaneerii fi namoonnillee halkan guutuu Arabaan lufanii deemanii Yoordaanosiinillee ceeyanii Bitrooniin maraa haga lufaniin maayessa gara Mahannaayiimii dhufan.
gooftaan keessan Saa'ol du'eera; amma cimaa'a! jabaadhaa'a! manni Yihuuda'aa isaan irratti akka mootii ta'u dibanii na moosisaniiran.»
Mootiinillee garboota isaatiin adha namni ajajaan guddaan Israa'eliin keessaa akka du'e hin beettanii?
Hennaa manni Daawitiitii fi manni Saa'olii wol lolan Abaaneer mana Saa'olii irratti jabaata'aa deeme.
Gosa Biiniyaamii ka obboleessa Saa'olii keessaa namoota kuma sadihiiti; garuu namoonni baay'een gosa Biiniyaamii amanamummaa Saa'olii qaban hin dhiifne.
Gosa Efreemii keessaa loltoota kuma diddamaa fi dhibba Saddeeti; isaan maruu gosa ufii keessatti loltoota jajjabaa gurra bayan turan.
Neeri Qiisiin uumate; Qiisi Saa'oliin uumate; Saa'ol Yoonaataa, Milkisaa, Aminaadaabii fi Asa'aaliin uumate;
Neeri Qiisiin uumate, Qiis Saa'oliin uumate; Saa'ol Yoonaataa, Melkisaa, Aminaadaabii fi Asba'aaliin uumate;
Gosa Gaadii keessaa qachaa namni yoo nama harka tare itti dhokatu ta Gala'aad jedhamtu keessaa Raamootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mahaanaayimii fi hulee horii itti bobbaafatan,
Maqaan haadha manaa Saa'olii Akinaahoom; isiin mucattii Akimaas uumate; maqaan bulchaa duultota isaa Abaanerii ilma Neerii eessuma Saa'oliiti.
Saa'ol hennaa Daawiti gara namicha biyya Filisxeemii dhaqu argee, ajajaa loltootaa Abeeneriin, «Mucaan kun ilma eennuuti?» jedheen; Abeenerillee, «Mootii kiyya! ani lubbuu teetiin kakadhee ilma eennuu akka ta'e hin beeku» jedheen.
Inni laagaa ufii ol fudhatee loltoota Saa'olii waamee «Abaaneer ati na jalaa hin awwaattuu?» jedhe; Abaaneer «Ati eennu ka mooti'itti iyyitu?» jedheen.