7 gooftaan keessan Saa'ol du'eera; amma cimaa'a! jabaadhaa'a! manni Yihuuda'aa isaan irratti akka mootii ta'u dibanii na moosisaniiran.»
Waan kanaan maayessa Rabbi Abraamiin, «Abraamii kiyya! hin sodaatin; ani wontee keetii, guddisee si eebbisa» hennaa jedhu manaaba keessa dhagaye.
Kanaafuu jabaadhu banii keennaa fi qachaa Rabbii keennaatiif haa jabaannuu; eeganaa wonti maruu akka fedha Rabbii haa ta'u!» jedheen.
Rabbi arjumma'aa fi amanamummaa isinitti haa mudhisu; kana waan gootaniif anillee jasaa kana isinii deebisa;
Ajajaan loltoota Saa'olii ilmi Neerii Abaaneer ilma Saa'olii Iyyaabustee fuudhee gara Mahannaayiimii ceesise;
Jaarsonni Israa'elii maruu gara Keebroonii gara mooti'ii dhufan; mootichi Daawiti Keebroonitti afoo Rabbiititti isaan woliin waadaa gale; Israa'eliin irratti mootii akka ta'u Daawitiin muudan.
Achiin maayessa ilma mootichaa gad baasanii gulloo ulfinnaa itti godhanii qajeelcha bulchiinsa mootumma'aallee itti kennanii, «Mootichi umurii dheeraa haa jiraatu!» jedha'aa harka dhayan.
Kanatti aansee akka harki Waaqa kiyyaa mishaan na woliin jiruu fi dubbii inni natti hime isaanitti hime. Isaanillee «Kaanee haa hojjannuu!» jedhanii hujii misha'aaf irree ufii jabeeffatan.
Dammaqaa'a; amanti'iin jabaadha'aa dhaabadhaa'a, guddadhaa'a.
Waan hafeen worra Goofta'aaf hunna isaa cima'aan jabaate ta'aa'a.
loltoonni isaanii worri jajjabaan ka'anii halkan guutuu deemanii reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa sadiinii dallaya Beetisaanii irraa buusanii gara Yaabeshii dhufanii achitti isaan guban.
Worri Israa'elii ka dhooqa Yoordaanosiin irraa gara baya biiftu'uu jiranillee loltoonni isaanii akka baqatan Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhuman hennaa argan isaanillee qachoota ufii dhiisanii baqatan; worri Filisxeemii ammo dhufanii qachoota san qabatan.
Isin worra Filisxeemii! Jabaadhaa'a! akka isin isaan irratti gootan san hojjattoonni worra Ibrootaallee akka isin irratti hin goone jabaadha'aa lolaa'a!» jedhan.