Ani ammo akkana isiniin jedha, «Diintota keessan jaaladhaa'a; worra isin miidhuufillee Rabbiin kadhadhaa'a; yoo kana gootan ijoollee abbaa keessan ka samii jiruu taatan; Inni worra hammeeyyi'ii fi worra misha'aafillee aduu baasa; worra qajeela'aa fi worra qajeelaa hin taaneefillee hin roobsa.
Ati kaleessa dhufte si fuudhee deemuu? Ani gara deemu hin beeku; ati garuu obboleewwan tee fuudhii deemi; Rabbi waan dhuga'aatii fi araara sii haa godhu» jedheen.